Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaarri Booying qaamnisaa tokko keessaa bade, miidhaa malee qubate
Xiyyaarri Booying kan Daandii Qilleensaa Yunaayitid ta’e tokko qaamni (fuselage panels) isaa bade tokko rakkoo malee qubate.
Xiyyaarri lakkoofsi balalii isaa 433 ta’e kun Saan Firaansiiskoo irraa ka’uudhaan akka lakkoofsa biyyattiitti sa’aatii 5:30 irratti Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Roog Vaalii qubateera.
Xiyyaarri Booying 737-800 umuriinsaa waggaa 25 ta’e kun imaltoota 139 fi hojjattoota xiyyaaraa 6 qabatee ture.
Xiyyaarichi qaamnisaa baduun osoo hin baramin nagaadhaan qubachuu danda’eera.
Dhiheenya keessa dhaabbanni xiyyaara oomishu guddichi, Booying xiyyaarota nageenyisaanii hin mirkanoofne fi wabii hin qabne oomisha jedhamuun qeequmsi itti baay'ataa jira.
Buufata xiyyaara idil-addunyaa Roog Vaaliitti qondaala bara dheeraa kan ta’an Ambar Juud, xiyyaarichi nagaadhaan qubachuusaa dubbachuun, qaamni xiyyaarichaa baduunsaa kan barame qorannoo balaliinsaan booda taasifameen jedhan.
''Erga tokko tokkoon sakatta’uun suphaa barbaachisu hunda taasifneef booda xiyyaarichi gara tajaajilaatti ni deebi’a,'' jedhan qondaalli kun.
''Kun attamiin mudachuu akka danda’e adda baasuudhaaf qorannoo cimaa ni gaggeessina,'' jedhan.
Qaamni xiyyaarichaa bade jedhames qaama garaa xiyyaaraa jalatti karaa alaatiin kan gommaa ittiin qabatamu biratti argamuufi fuselage panels jedhamuun beekamu ta’uu suuraaleen miidiyaalee hawaasaarratti qoodaman ni agarsiisu.
Buufata xiyyaarichaatti balaliinsi xiyyaarota qubataniifi buufaticharraa ka'anii akka adda citan taasifamuun, caccabaan qaama xiyyaaraa kanaa yoo argameef barbaachi taasifamullee ammatti hin argamne.
Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa qaamni xiyyaara kanaa attamiin baduu akka danda’e ilaalchisee qorannoo gaggeessuu eegaluu beeksiseera.
Dhaabbanni Booying, keessattuu baatii Amajjii darbee keessa erga xiyyaarri 737 Max-9 jedhamu tokko osoo balaliinsa irra jiruu foddaansaa tokko irraa kufeen booda qeequmsa cimaan irra gahaa jira.
Xiyyaarri qabeenyummaansaa kan Daandii Qilleensaa Alaaskaa ta’ee fi lakkoofsi balaliinsaa 1282 ta’e, erga foddaan isaa gara bitaa kufeen booda balali’uu waan dadhabeef deebi’ee qubachuuf dirqameera.
Kana ilaalchisuunis itti gaafatamaan Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Federaalaa biyyattii Maayiik Wiiteekar jecha Seera tumtoota biyyattiif Guraandhala 7 irratti kennaniin, Max 737 irratti qorannoo erga gaggeessaniin booda, ''sirni qulqullina Booyingi fudhatama kan hin qabneefi qorannoo dabalataa kan barbaadudha,'' jedhanii ture.
Bu’aan qorannoo jalqabaa taatee sanaa akka mul’isetti, bulooniiwwan karra xiyyaarichaa cimsanii qaban afur hin hojjatamneef ture.
Itti gaafatamaan Abbaa Taayitichaa, Booying haala seera Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Federaalaatiin kan hin bulle yoo ta’e, balaa mudatu kamiifuu itti gaafatamaa ta’a jedhan.
Wiixata darbes xiyyaarri Dreamliner 787-9 Awustiraaliyaarraa gara Niiw Ziilaandi imalaa ture tokkos akeekkachiisan malee akka tasaa gara gadiitti yoo bu’u, imaltoonni saqqii (qabattoo) hin hidhatiin turan darbatamanii kufuudhaan namoota 50 irra miidhaan gahuun gabaafamee ture.
Taatee kanaaf deebii kan kenne Booying, kessummeessitoota xiyyaarichaa keessaa tokko dogongoraan to'attuu (switch) tuquun, teessuma paayileetotaa gara fuulduraatti dhiibuun, kun ammoo funyaan xiyyaarichaa gadi dhundhulee akka balali’uu taasiseera jedheera.
Kanaafis paayilatoonni teessoo isaanii sirnaan akka sakatta'an daandiiwwan qilleensaaf ergaa dabarse.
Taateewwan balaa yeroo yeroon mudachuun dhagahamus, balalliin xiyyaaraa ammallee maloota geejjibaa keessaa nageenyummaan isaa amansiisaa kan ta'e akka ta'e ogeeyyii fi anga'oonni balalii ni himu.