UN ajjeechaa West Baank keessatti raawwatame akka qoratamu gaafate

Aysenur Ezgi Eygii mormii bakka qubsuma Yihudootaa magaalaa West Baanki keessatti mormii irratti hirmaataa ture

Madda suuraa, International Solidarity Movement

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ajjeechaa dubartii lammii Turkii-Ameerikaa Jimaata darbe West Baankitti mormii geggeeffameen ajjeefamte irratti qorannoon guutuun akka gaggeeffamu gaafatera.

Dubartiin Aysenur Ezgii Eygii jedhamtu dhukaasa humnoota Israa'elirra itti banameen ajjeefamuun gabaafameera.

Dubartiin ganna 26 kun mormii torban torbaniin babal’inaan qubsuma Yihudootaa magaalaa Beyita naannoo Nablus keessatti geggeeffamu irratti hirmaachaa osoo jirtuu humnoota Israa’eliin rasaasaan ajjeefamuu Miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Waraanni Israa’el gama isaatiin, naannawa sanatti dhukaasa uumameen lammiin biyya alaa tokko ajjeefamuu gabaasaa jiru qorachaa akka jiru ibse.

Namni ijaan arge tokko akka BBC tti himanitti mormii kana irratti dhukaasa qawwee lama dhaga'uu isaanii ibsaniiru.

Ajjeechaa kana hordofuun dubbi himaan barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Isteefan Dujaariik akka jedhanitti, "haala kana irratti qorannoon guutuun akka gaggeeffamu arguu barbaanna, warri kana raawwatan itti gaafatamuu qabu" jedhan. Dubbi himaan kun itti dabaluudhaan namoonni nagaa yeroo hunda eegumsa argachuu qabu jedhan.

Ameerikaanis ajjeechaan kun akka qoratamu gaafattee jirti. Dubbi-himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawus Sehan Saavet akka jedhanitti, Waashingitan ajjeechaa gaddisiisaa lammii ishee irratti raawwatame kanaan akka gadduu ibsiteetti.

''Israa'el ajjeechaa kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa akka argattuufi taatee kana akka qorattu gaafanneerra,'' jedhan Saavet.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhukaasichaan booda, viidiyoon waraabame akka agarsiisutti, Ogeeyyiin fayyaa gargaarsaa Ezgiif taasisan wayita ambulaansii keessa ariitiin buusan mul’isa.

Aktiivistiin dhimma hawaasumma Yihudii-Israa’el irratti barreessu Jonathan Pollacki kan mormii kana irratti argame loltoonni mana irra turan wayiata dhukaasuuf miijeffatan arguu fi dhukaasa lama akka dhaga'e hime.

"Yeruma sana namni tokko maqaa koo waamaa ‘na gargaaraa, gargaarsi keessan nu barbaachisa' jecha ture, ansi gara isaaniitti fiige," jechuun Joonaataan waan ture BBC'tti himeera. Sana booda ammo Izgiin mataa ishee keessa rukutamtee muka jalatti kuftee akka arge dubbate.

Izgiin, lammummaa biyyoota lamaa Turkii fi Ameerikaa kan qabdu yoo ta'u, gara hospitaalaatti kan geeffamte yoo ta'u, itti gaafatamaan Hospitaala Rafidah Dr. Fowaad Nafa lammii Ameerikaa kan taatee fi walakkeessa waggaa 20 keessa jirtu tokko mataa ishee keessa rasaasaan rukutamtee du'uu ishee mirkaneessaniiru.

Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken du'ti ishee gaddisiisaa ta'uu kan ibsan yoo ta'u, Pirezidaantiin Turkii Recep Tayyip Erdogan ammoo gocha Israa'el ‘gara jabummaa hamaa' jechuun ibsaniiru.m

Ministirri Dhimma Alaa Turkiii gama isaatin, dubartittiin loltoota Israa'eel magaalaa Nablus keessatiin akka ajjeefamte ibseera.

Izgiin dhiheenya kana gara Baha Giddu Galeessaa osoo hin deemin dura Yunivarsiitii Waashingitan Siyaatil irraa eebbifamte.

Pirezidaantiin yunivarsiitichaa Aanaa Maarii Kaawus, Du'a Izgiin gadda itti dhaga'ame ibsuun, Izgiin barattoota biroof fakkeenya garii ta'uu ishee dubbatan

Waggoota 50 darban keessatti Israa’el qubsuma Westi Baankii fi Baha Yerusaalem keessatti mannaan Yihudoota gara kuma 700 ta’an dhuunfachuun qubsuma 160 ijarteetti.

Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa kanaan dura Israa’el qubsuma Westi Baankii fi Baha Yerusaalem keessaa qabduu fi naannoolee kanneenii fi Gaazaa seeraan ala qabachuu ishee hatattamaan akka dhaabdu ajajee ture.

Kun ejjennoo Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, UK fi kanneen birooti.Israa'el garuu murtoo kana hin fudhattu.