Atileetiin guyyoota 500 holqa keessa turte kitaaba 60 dubbistee, bishaan liitira kuma fixxee baate

Maxxanfame

Atileetiin biyya Ispeen guyyoota 500'f namaan osoo wal hin argiin holqa keessa turte kitaaba 60 dubbistee bishaan liitira kuma fixxee, qaama isheetti osoo bishaan hin bu'iin baate.

Beetriiz Filaamiini naannoo Giraanaadaa jedhamutti holqa keessa yoo galtu Raashiyaan Yukireeniin hin weerarre, addunyaanis weerara Kovid irraa akka ta'utti hin bayyananne ture.

Kaayyoon isheen holqatti galteef dhimma qorannoo saayinsiif waan ooluuf saayintistotaan halaallaa hordofamaa ture.

''Ammayyuu Sadaasa 21, 2021rran jira. Waan addunyaan itti jirtu homaa hin beeku'' jette erga holqa keessaa baatee.

Dubartiin ganna 50 kun holqa meetira 70 ta'u keessa yeroo turte, shaakallii qaamaa gochaa, fakkii kaasaa haguuggii mataa hojjechaa turte.

Turtii ishee kana keessatti kitaabota 60 dubbistee, bishaan liitira kuma tokko ta'us dhugdee fixxeetti jedhu gareen ishee.

Holqa keessa turte keessaa yeroo baatu gareen ishee hammatte. Yaada miidiyaaleef kenniteen muuxannoo ajaa'ibaati jette.

''Waggaa tokkoofi walakkaaf calliseen ture, ofitti malee namatti dubbadhee hin beeku'' jette waayee turtii ishee gaazexessitootni odeeffannoo bal'aa akka laattuuf yoo gaafatan.

''Madaala koo eeguu dadhabeen jira, kanaafi kan namni na qabu. Qaama koo akkan dhiqadhu yoo naa hayyamaa- waggaa tokkoofi walakkaaf qaama kootti bishaan hin buune- deebi'een isin arga. Isinitti tolaa?''

Filaaminiin takka jettee ji'a lama booda garee ishee hordofu waliin qunnamtiin qabaachaa turte adda citee akka ture dubbatte.

''Yeroon itti guyyaa lakkaahuu dhaabe tureera'' kan jettu dubartiin kun kan holqa keessa turte guyyaa 160-170 qofa akka ta'e yaadaa akka turte dubbatte.

Yeroon itti baayyee qoramte wayita weerarri tisiisaa holqa ishee keessa turte guutummmaatti weerare ta'uu dubbatte.

Sababa sagaleen hin jirreef sammuun ishee sagalee mataa isaa uumaa akka ture(auditory hallucinations) akka tures dubbatte.

Saayintiistotni turtii ishee kana dhiibbaa hawaasa keessaa qoodamanii koophaa jiraachuun qabuufi yeroo dheeraaf nama irraa adda bahuun dhiibbaa ilaalcha yeroo irratti qabu qorachuuf itti fayyadamu.

Gareen atileetii kanaa Flaaminiin kophaa holqa keessa yeroo dheeraa turuun riikardii addunyaa cabsiteetti jedhu.

Haata'u malee dhaabbatni Guinness Book of Records kana hin mirkaneessine.

Dhaabbatichi rookardii addunyaa gama kanaan jiru hanga ammaatti kan kenneefi jiru albuuda baastota Chiiliifi Booliviyaa osoo kooppariifi warqee baasanii boolli itti jigee guyyoota 69 turaniifi.