Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa'imni erga dhalatee booda dhiironnis akka mukaa'aan beektuu?
Erga daa’ima da’anii booda haadholiin hedduu fayyaa sammuun ni rakkatu. Abbootiinis dhibee kanaan ni hubamu, garuu utuu hin baramiin hafa.
Dhibeen Postnatal Depression (PND) jedhamuu dhibee fayyaa sammuu miira mukaa’uu fi gadduu, fedhi dhabuu ykn darbeeyyuu of ajjeessuu fida.
Yeroo hedduu dubartoota irratti da’umsa booda waggaa jalqabaa keessatti mul'ata. Yeroo hedduu utuu hin wal’aanamiin waan hafuuf miidhaa gurguddoo geessiseera.
Ogeessota fayyaa biratti dabalatee, wanti caalaatti hin beekamne dhiirotnis dhibee kanaan akka hubamuu danda’anidha.
Ta’us garuu akkaataan ittisa dhibee kanaa fi wal’aansi isaa baay'inaan dubartoota irratti hundaa’uun kan hojjetamedha.
Mallattoowwan dhibee kanaa hedduumminaan dubbatamus harka caalaan dhiirotarra kan dubartoota irratti mul’atudha.
Kana irratti ammo dhiirotni waa’ee rakkoo fayyaa sammuu qaban ibsachuu irratti loogiin waan jiruuf, kunis kanarratti akka dabalu ogeessotni ni himu.
“Hawaasa keessatti beekumsi waa’ee dhibee xiinsammuu kan akka dhibee mukaa’uu da’umsa booda dubartoota irratti argamuu dabalaa dhufus, ammayyuu dhiirota biratti kan fudhatama gadaanaa qabudha,” jedha Dhaabbta Fayyaa Xiinsammuu Awustiraaliyaa Beyond Blue jedhamu keessatti gorsaan kilinikaa Giraant Bilaanskii.
Akka qorannoon tilmaamutti dhaloota daa’imaa booda waggaa jalqabaa keessatti abbootiin %10 ta’an dhibee muka’uun (depression) ni hubamu.
Ta’us dhiroota kanneen keessaa kanneen gargaarsa gaafatan – ykn dhibee kana qabaachuu isaaniiyyu amanan muraasadha.
“Akkan argetti – utuu hayyoota ykn ogeessota fayyaa ta’aniiyyuu- dhiirota biratti waa’ee dhibee xiinsammuu dubbachuu irratti loogii guddaatu jira,” jedha Bilaanskiin.
“Kunimmoo gara dhibee kana qabaachuu haaluu, ykn gargaarsa barbaaduu dhabuun kun miira ofiin furuuf yaaluutti geessa.”
Yeroo hedduu, dhiirootni dubartoota caalaa gargaarsa meedikaala hin barbaadan.
Fakkeenyaaf Kaanadaa keessatti, dhiroota 10 keessaa saddeet hanga jaalalleen isaani akka deemaniif amansiistuunitti wal’aansaaf gara wiirtuulee fayyaa akka hin deemne qorattoonni bira gahaniiru.
Kunis sababa dhiirotni dhukkubsachuu – keessumaa dhibee xiinsammuu – akka qaaniitti waan ilaalaniifi.
Dabalataan ammo waa’ee ilaalcha dhiirummaa irraa kan ka’e dhiibbaan ni jiraata. Abbaan akka cimaa fi utubaa ta’aniif eegama yoo ta’e, dhibee xiinsammuu yoo qabate maal jedhama?
Akka qorannoon UK keessatti gaggeeffame tokko ibsuttis, yoo dhibee kana qabaachu amanan dhirootni tokko tokko ''akka dhiira sirrii hin taanetti, akka waan kufaatii ta’etti,'' akka ilaalan qorannoon ni hima.
Kaan ammo yoo dhibee kanaan hubaman jaalalleen ykn haati warraan isaanii na dhiisti jedhani akka sodaatan ibsaniiru.
Mallattoolee PNG dhiirota irratti mul'atan
Malattoon dhibee PND kanaanis dhiirota fi dubartoota gidduutti adda adda ta’uu mala.
Yeroo hedduu mallattoon PND dubartoota keessatti garmalee boo’uu fi mukaa’uun siree keessaallee ba’uu dadhabuu ta’uu mala.
Dhiirotiin PND qaban ammo mallattoo amala baqachuu ykn itti gaafatamummaa dhabuu agarsiisu.
Yeroo hedduu alkoolii fi suusiiwwan adda addaa baay'isu, murtee gochuu dadhabu, akkasumas of qeequu baay'isu.
Dhibee kanaaf gargaarsa argachuu dhiisuun miidhaa guddaa qaba. Biyyootii Lixaa keessatti dubartoota caalaa dachaa afuriin of ajjeessuu malu, ( ta’us sababa PND qofaan miti.)
Dabalataanis maatii irrattis dhiibbaa ni qabaata. Guddina jalqabaa da’ima isaanii keessatti abbootiin ga’ee guddaa qabu.
Akka qorannoon tokko agarsiisutti, yoo abbaan daa’ima tokko, umurii isaa waggaa jalqabaa keessatti, dhibee xiinsammuu mukaa’uun (depression) hubameera ta’e, daa’imni kun umurii gannaa afur hanga shanii keessatti rakkoo amalaa fi guddina xiqqaa qabaachuu mala.
Ogeessotni akka jedhanitti furmaatni PNG adda baasuu fi wal’aanu inni tokko, jalqabumarraa jalqabee adeemsa da’uumsaa keessatti abbaan akka hirmaatu gochuu fi waa’ee xiinsammuu irratti hadhooliin dabalata abbootii irrattis xiyyeefachuunidha.
Akka qorannoon tokko ibsutti, abbootiin yoo deessistuu, narsii fi jaalallee isaanii biraa deeggarsa argatan, carraan dhibee mukaa’uu kanaan hubamuu isaanii xiqqaa ta’a.
Ittisuun utuu hin danda’amiin dhibee kanaan hubamanis yoo ta’e, loogii fi sodaa jiru bira darbuun wal’aansa barbaachisaa ta’e argachuun barbaachisaadha.