Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoonni Raashiyaa waraana Yukireen irratti hirmaatan maallaqa Putiin badhaasan saamaman
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin wayita loltoonni isaanii waraana Yukireen irraa deebi'an simannaan gootaa akka taasifamuuf waadaa galanii turan.
Garuu namoonni tajaajila loltummaa kennanii biyyatti deebi'an maallaqa mindaa isaanii fi onnachiistuu argatan saamamaa akka jiran BBCn adda baaseera.
Erga Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen weerartee Pirezidant Putiin lakkoofsa loltoota isaanii dabalaniiru. Loltoonni hedduun akka duula kanatti dabalamaniif ammoo maallaqa onnachiistuu badhaasuuf waadaa galan.
Ga'eessi umrii waggaa 39 Nikita Kursa jedhamu akkuma lammiilee Raashiyaa kumaatamaan lakkaa'aman kaanii maallaqaan gara Yukireen duulee biyyasaatti deebi'e.
Loltoonni calalaman bakka irraa dhufan irratti hundaa'uun waggaa jalqabaa tajaajila kennan doolaara kuma 47 argatu, yoo miidhaman ammoo maallaqa biyyattii (roubles) miiliyoona 4 dabalataan argatu.
Maallaqi kun kaffaltii giddugalaan lammiileen biyyattii argatan dhibbeentaa 600 ta'a.
Kun tarkaanfii balaa guddaa qabuudha. Lubbuu ofii qabsiisanii maallaqa argachuudha. Garuu, keessattuu namoonni naannawa hiyyeyyiin itti baayyatan keessaa dhufan tarkaanfii kana fudhachuurraa duubatti hin jenne.
Hojii sibiilaa irratti bobba'ee kan ture Nikita Kursa naannawa Rostov kan Yukireenitti dhihaattee jirturraa kan duule yoo ta'u, bara 2024 ji'oota muraasaaf erga adda waraanaa turee booda rukutamee gara biyyasaatti deebi'e.
Nikita Kursa adda waraanaatti miidhamuunsaa maallaqa guddaa argamsiiseef, maallaqa kanaan haadha warraasaa waliin ta'uun mana bitachuuf karoorfatan.
Haata'u malee guyyaa tokko taatee gaddisiisaatu isaan mudate. Guyyaa tokko dhugaatii alkoolii dhuguun miira machii keessa osoo jiruu loltuun kun gara iddoo dhalootasaa Rostov jedhamutti imala eegale.
Achirraa mana bitachuu murteesseeti kan machaa'ee garasitti konkolaachisuu eegale.
Maallaqa badhaasaan argate hunda korojoo pilaasktikaatti baatee ture, haati warraasaas imala balaafamaa kanarraa isa hin dhorkine.
Konkolataasaan imala eegalee osoo baayyee hin imalin poolisiin dhaabsise. Poolisoonni korojoo maallaqa hedduu qabate argan matta'aa gaafatan.
Nikita Kursa dhiheenya gara Yukireen duulee adda waraanaarraa akka deebi'e poolisootatti hime.
Poolisiin inni tokko waan loltuun kun jedhu dhagahuun yaadasaa kabajus, inni kaan garuu ittiin loluu eegale.
''Afaan kee qabi! Maallaqa meeqa akka baattee jirtu beektaa?'' jedheen.
Haala kanaan doolaara kuma 24 irraa fudhatan.
Qondaalonni poolisii kunneen waadaa Pirezidant Putiin loltoota adda waraanaa Yukireenitti duulaniif galan hin kabajne.
Gama biraan qondaalonni poolisii hedduun konkolaachistoota taaksii, loltoota tajaajila kennuun adda waraanaa irraa deebi'an fe'an dhoksaan akeekkachiisaa jiraachuun dhagahameera.
Konkolaachistoonni yeroo imalarra jiranitti maallaqa hanga ta'e poolisiif kaffalanii darbu, wayita imala xumuran ammoo dachaa 15 gochuun kaffaluuf.
Kanneen didan ni doorsifamu, kaan ammoo qorichaan hadoochamuun hattoonni kaardii isaanii maallaqa isaanii baafatu.
Kanneen qorannoo gaggeessan hattoonni haala kanaan hanga ammaatti maallaqa biyyattii (roubles) miiliyoona 1.5 saamaniiru.
Yeroo garii osoo loltoonni tajaajilarra turan kunneen hin beekin mindaan isaanii saamama.
Onkoloolessa 2024 bulchiinsa Vilaadmiir jedhamu keessatti hojjettoonni maallaqaa sadi mindaa loltootaa irraa maallaqa biyyattii miiliyoona 11 hatuun hidhamaniiru.
Bulchiinsa Belgorod keessatti ammoo qondaalli naannochaa mindaa loltoota haaraa qacaramanii irraa maallaqa biyyattii miiliyoona tokko caalu hateera.
Kunis akkaawuntii baankii loltuu kanaa toora bilbilaa isaatti hidhuudhaani.
Yeroo garii ammoo loltoonni ajajoota isaaniin saamamu.
Loltuun tokko akka BBCtti himetti gareen waraanaa isaa suuqii akka hin seenne dhorkamuun kaardii baankii lakkoofsa iccitii isaa waliin qondaala waraanaatti kennuuf dirqamsiifamaniiru.
Qondaalli kun haala kanaan kaardii loltoonni ittiin mindaa isaanii baafatan 50 ta'u walitti qabachuuutu himame. Hedduun kan loltoota dhihoo qacaramanii hojiirra jiraniiti.
Loltuun tokko akka BBCtti himetti qondaalli waraanaa kun kaardiiwwan kunneen qabatee miliqe. Kaardii kunneen irraa yoo xiqqaate maallaqa biyyattii miiliyoona lamatu jira jedhame.