Arsenaal moo Maan Siitiitu waancaa PL bara kanaa injifata?

Maxxanfame

Arsenaal bara kana haala gaariin yeroo dorgommicha eegalu xiinxaltoota kubba miilaa dabalatee namootni hedduun shakkaniiru.

Haa tahu malee maayikil Arteettaan garee isaanii cimsuun dorgommii waancicha injifachuu itti fufaniiru.

Taphoota 13 irraa qabxii 34 argachuun dursummaa liigichaa itti fufeera.

Arteettaan taphaan booda taphattootni isaanii ''sadarkaa haaraa'' irra gahaniiru jedhan.

Arsenaal kaleessa Chelsii yoo injifatu bara kana kun injifannoo 11ffaa Piriimer Liigii irratti argatanidha. Tapha tokko Maan Yuunaayitidiin yoo mo'aman, tokko ammoo Saawuzhampitan waliin qixa xumuran.

''Akka gareetti baay'ee fooyyofneerra, dorgommii bareedaa gaggeessaa jirra,'' jedhan. ''Ammaaf qabxii gaarii argataa jirra. Garuu ammallee imala fagootu nu hafa'' jedhan leenjisaan Arsenaal.

''Waggota jahan darban keessa waan Maan Siitiin hojjechaa jiru mee ilaalaa. Leenjisaa jabaa adunyaa kanaa fi garee cimaa adunyaa kanaa waliin tahuun.''

''Tapha tokko tokkoo ishee irratti gahumsa isaanii agarsiisaniiru. Kabajaa guddaa isaaniif kennuu qabna,'' jedhan Arteettaan.

Arteettaan erga Arsenaaliif taphataa turee soorama bahee gargaaraa leenjisaa Pep Gaardiyoolaa tahuun hojjetaa ture.

Osoo hin turiin Unaay Imiree bakka bu'uun leenjisaa Arsenaal tahan. Maanchister Siitiin Fuulham waliin falmii jabaa gaggeesse.

Jaayoo Kaanseloo kaardii dimaan kan dhabee ture Siitiin sekondii xumuraa irratti rukuttaa peenaaliitii argamte Haalaandi lakkoofsiseen injifate.

Liiverpuul Tootanaamiin injifachuun hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigiif falmii taasisu jabeeffateera. Gareen Antooniyoo Koontee sadarkaa arfaffaatti gadi yoo bu'u bara kana bifa addaan Niwkastil Yuunaayitid sadarkaa sadaffaa qabate.

Abbaa qabeenyaa haaraa warra Sawudii jala erga galee kilabni kun leenjisaa Eedi Haaw jalatti fooyya'insa guddaa argisiise.

Saawuzhamptaniin 4 fi 1'n injifachuun sadaffaa irra taa'e. Astoon Viilaan leenjisaa Arsenaal duraanii Unaay Imiree qacaree kaleessa Maan Yuunaayitid irratti injifannoon jalqabe.

Aston Viilaan Istiifen Jeerard erga gaggeessee kun injifannoo lammaffaa isaaniiti.

Chelsiin leenjisaa isaa duraanii waancaa Shaampiyoonsi Liigii injifatan Toomaas Tuhel hojiirraa gaggeessuun leenjisaa Biraayitan Giraam Pooter qacaran. Garuu amma qabxiin akka eegametti deemaafii hin jiru.

Tahus miidhamaan taphattoota jajjaboo akka Riis Keemsi, Wesilii Fofana fa'a dhabaniiru.

Waancaa Piriimer Liigii fi hirmaanaan Shaampiyoonsi Liigii argachuun lachuu akka injifannoo guddaatti ilaalamaa jira.

Garuu kamtu mo'ata? Arsenaal, Maan Siitii? Chelsii, Liiverpuul, Tootanahaam, Niwkastil moo Maan Yuunaayitid hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argata?