Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Puutiin dhiibbaan wara lixaa akka hin hojjanne agarsiisuuf Abiy dabalatee michoota walitti qabe
Mee Vilaadmiir Puutiin akka taateetti of yaadi.
Warri Lixaa Yukireen weeraruu keettI Fari'oon jedhanii moggaatti si baasan. Akkasumas dinagdee biyyakee gabaa addunyaa keessaa akka baatuuf qoqobbaa sirra kaa'an.
Akkasumas ajajni hidhaa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa irraa sirratti bahee jira.
Dhiibbaan sun akka hin hojjenne akkamitti argisiisuu dandeessa? Walgahii keessummeessuuf yaali.
Torban kana magaalaa Kaazaan keessatti Pirezidaantiin Raashiyaa Puutiin walgahii biyyoota dinagdee guddachaa jiran Brics irratti hoggantoota biyyoota 20 ol simataniiru.
Hoggantoota affeeraman keessaa Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, dursaa Chaayinaan Shii Jiinping, Minstira mummee Hindii Naareendiraa Moodii fi Pirezidaantii Iraan Maasuud Pezeshkiiyaan ni argamu.
Kireemliin Raashiyaa keessatti ''taateewwan imaammata alaa guddaa hanga ammaatti raawwataman keessaa tokkodha'' jechuun waamte.
''Ergaan ifa ta'e yaaliin Raashiyaa adda baasuuf godhame fashalaa'eera," jechuu yaada Kiriis Weefer, michuu hundeessaa dhaabbata gorsaa Maakroo-Advaayizarii.
"Raashiyaan qoqqobbii dandamachaa akka jirtu ergaa Kireemliin irraa dhufu keessaa kutaa guddaadha.
Amma qaawwii cimaan bu'uurarra akka jiru ni beekna. Garuu sadarkaa ji’oopoolitikaatti Raashiyaan hiriyyoota kana hunda qabdi, hundi isaanii michuu Raashiyaa ta’uuf jiru."
Kanaafuu, michoonni Raashiyaa eenyu fa'i?
Mogaafni Brics jedhu kunis Biraazil, Raashiyaa, Hindii, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa jechuudha. Gareen kun yeroo baayyee addunyaa warra dhihaan durfamu faallaa jedhamee kan waamamu yoo ta'u, Masrii, Itoophiyaa, Iraaniifi Yunaayitid Arab Emireet dabalatee babal'ateera.
Saawud Arabiyaanis akka itti makamtu affeeramtee jirti.
Biyyoonni Brics baay'ina ummata addunyaa keessaa %45 qabatu. Walumaagalatti dinagdeen miseensotaa doolaara 28.5tn (£22tn) ol qaba. Kunis dinagdee addunyaa keessaa gara %28 ta'a.
Qondaaltonni Raashiyaa biyyoonni 30 biroo BRICStti makamuu ykn kilabicha waliin walitti dhufeenya cimaa barbaaduu akka barbaadan agarsiisaniiru. Saboonni kunneen tokko tokko walgahii kanarratti ni hirmaatu. Kaazaan keessatti torban kana waa'ee Brics "harki caalaa addunyaa" bakka bu'uu isaa irratti haasa'a hedduu eegaa.
Garuu Vladimir Puutiin waltajjii ji'oopoolitikaa irratti yeroosaa kennuu bira darbee taatee kun maal galmaan gahuu mala laata?
Dhiibbaa qoqqobbii biyyoota lixaa salphisuuf fedhii kan qaban hogganaan Kirimiiliin miseensonni BRICS kaffaltii addunyaaf doolaaraan ala filannoo akka fudhatan amansiisuuf abdii qaba.
"Rakkoon dinagdee Raashiyaa mudachaa jiru baay'eensaa daldala daangaa qaxxaamuraa fi kaffaltii waliin kan walqabatudha. Sana keessaa baay'een isaas doolaara Ameerikaa waliin kan walqabatudha," jedhu Aab Weafer.
''Waajirri Maallaqa Ameerikaa doolaarri Ameerikaa sababii maallaqa ijoo ta'eef daldala addunyaa irratti humnaa fi dhiibbaa guddaa taasisa.
Fedhiin Raashiyaa inni guddaan ammoo ol'aantummaa doolaara Ameerikaa kana cabsuudha. Biyyoonni BRICS mala daldalaa filannoo ta'e uumuudhaan akka dhiibbaa doolaaraa, Yuuroo ykn maallaqa G7 sana irra qaxxaamuran barbaaddi Raashiyaan.
Kanaanis qoqobbaan isaanii baayyee akka hin hojjannee gochuufiidha."
Garuu qeeqxonni garaagarummaa BRICS keessa jiru Kaasuudhaan, "Warreen ilaalcha walfakkaatu qabanidha" yaadni jedhu kan miseensummaa amma jiru ibsuuf itti fayyadamamuuf ta'u miti jedhu.
"Karaa muraasaatiin Chaayinaa fi Hindiin dhimma walfakkaatu irratti gonkumaa waliigaluu akka hin dandeenye ta'unsaanii warra lixaatiif hojii gaariidha.
Sababni isaas osoo biyyoonni lamaan kunneen dhuguma waliigalu ta’anii BRICS dhiibbaa guddaa qabaata ture," jedhu Jiim O’Neill, Ogeessa Diinagdee Olaanaa duraanii Goldmaan Sachs.
"Chaayinaa fi Hindiin yeroo baayyee wal irratti ka'uu hambisuuf waan danda'an hunda gochaa jiru.
Dhuguma waan dinagdee irratti akka tumsan gochuuf yaaluun qormaata yoomiyyuu hin dhumnedha."