Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Israa'elifi Hamaas irratti nama du'e fakkeessanii 'ashaangulliitii' fi ragaa sobaa dhiyeessun dabalaa dhufe
Gaafa Mudde 1 bara 2023 yeroo waraanni Israa'elifi Hamaas gidduutti dhaabatee ture sana, haatiifi akaakayyuun reeffa mucaasaanii Muhaammud jedhamuu baatanii fuullisaanii gaddaan guutamee hospitaala fuuldura osoo dhaabbatanuu mul'atu.
Suurrisaanii kun miidiyarratti baay'ee erga qoodamee booda kan isaan baatanii ture Muhaammad osoo hin taane 'ashaangulliitii' ijoollen ittiin taphattu ta'uu barame.
Torbee lama booda ammoo Israa'elitti obbolaan lama Rootem Maatiyaasifi obbolaansaa dubaraa lama Shaakedifi Shiir jedhaman viidiyoonsaanii miidiyaa hawaasaa gubbaatti baay'ee qoodamaa ture. Viidiyicharratti Rootem maatinsaanii gaafa Onkoloolessa 7 Hamaasin akka ajjeefaman dubbata.
Viidiyoon miidiyaa hawaasarratti baay'ee qoodame, af-gaaffii isaan miidiyaalee Ameerikaa ABC fi CNN dhaaf kennan irraa fudhatame. Dargaggoonni kun akka waan Hamaas maatiisaanii ajjeesetti taatoo ta'anii hojjatan.
Garuummoo viidiyoo gadi lakkifamerratti akka sobaa jiran kolfa isaanii qabachuuf yeroo yaalii godhan mul'atu.
Viidiyoowwan kun lamaan Gaazafi Israa'eelii fakkeeffamanii gadi lakkifaman namoota miliyeena hedduun daawwatamuun miidiyaa hawaasarratti qoodamaniiru.
Kuni ammoo Gaazaa keessatti namoota dhugaatti waraana kanaan du'aniifi miidhaa hamaaf saaxilaman dhugummaasaatti bishaan akka nam'u gochaa jira. Gaazatti fakkeessanii hojjatu malee namni du'aa hin jiru ykn hanga jedhamuu miti akka jedhamu gochaa jira.
Miidhaa Gaazatti qaqqabaa jiru haaluf ykn xiqqeessuf miidiyaa hawaasarratti jecha "Paaliwuud" jedhamu fayyadamuun falmii kan gaggeessan danuudha. "Paaliwood" jechuun jecha "Paalistiin" jedhuufi fiilmii "Hooliwud" jedhurraa walitti fiduuni. Kunis Gaazatti nama du'e fakkeessun fiilmin hojjatamaa jira akka jechuuti.
BBC Verify akka qoratetti, miidiyaa hawaasaa X, kan duraan tiwitara jedhamu, qofaarratti jechi "Paaliwuud" jedhu waggoota 10 darban keessatti heddumminaan qoodameera.
Ji'a darbe keessa qondaaltonni, namoonni bebbeekamoonifi barreessitoonni Israa'elifi US keessa jiraatan miidiyaalee hawaasaa kanneen akka X, Facebook fi Inistaagiraam fa'aarratti jecha "Paaliwuud" jedhu baay'inaan osoo qoodanuu BBC Verifay bira gaheera.
Gama biraan ammoo Filisxeemoonni Hamaas gaafa Onkoloolessa 7 raawwate akka Israa'el jecha ittiin haalan qabaachuu baatanis, wantoonni isaan- Israa'el keessatti Hamaas akka waan yakka hin raawwaanneetti waanti isaan miidiyaa hawaasaa irratti maxxansan namoota miliyeena hedduun daawwatameera.
Kaansaanii inumaayyuu gaafa Hamaas haleellaa raawwatu namoota nagaa kan ajjeese humna waraana Israa'eli malee Hamaas miti jedhanii maxxansu.
Beektonni dhimma araaraa akka jedhanitti, gama lamaaniyyuu odeeffannoo sobaatin miidhaa qaqqabeef haqni akka hin barbaadamneefi hawaasni lamaan deebi'ee akka walitti hin fayyineef riqicha gidduusaanitii cabsuu ta'a yaaddoo jedhu qabu.
"Balaan guddaan, akka natti fakkaatutti, wal-amantaanifi walii gadduun manca'uudha," jetti dhaabbata Johnathan Ball Foundation for Peace jedhutti gaggeessituu kan taate Tiim Paarii.
"Tattaaffiwwan walitti araarsuu jalqabuu iyyuu kan mogolee buusudha," jechuun odeeffannoo sobaa gama Gaazafi Israa'elii miidiyaa hawaasarratti qoodamu qeeqxi.
Namoonni miidhamaa fakkaatanii taatodhaan dhiyaachun ykn maallaqni kaffalameefii badii qaqqabe gatii dhabsiisuf odeeffannoon sobaa raabsuun waraana Israa'elifi Hamaas qofarratti osoo hin taane durii kaasee kanneen tiwoorii shakkii (conspiracy theories) jajjabeessan dhimma itti bahaa turan.
Nama du'e fakkeessanii hojjachuun ykn odeeffannoo badii qaqqabe gatii dhabsiisu raabsuu kun waraana Yukireenifi waraana Sooriyaa keessattis mul'ataa ture.
Garuu kan waraana Israa'elifi Hamaas irratti mudate baay'ee olka'aafi odeeffannoon wal-xiqqeessufi inni tokko isa kaan bulguu fakkeessee dhiyeessun baay'ee hammaatadha.
Eeliyoota Hagiins marsariitii qorannoo (investigative website) kan Bellingcat jedhamu qaba; waraana Sooriyaafi kan Yukireen irratti odeeffannoowwan piroppaagaandafi wal-xiqqeessuu gamaa gamanaa maxxanfamu qorataa ture.
Odeeffannoo sobaa waraana Israa'elifi Gaazaa irratti mul'ataa jiru garuu "baay'ee adda" jedha.
Gareesaanii haa gammachiisu malee waanti isaan miidiyaa hawaasaratti maxxansan dhugaa ykn soba ta'uunsaa dhimmasaanii akka hin taane dubbata.
Ji'a Sadaasaa keessa viidiyoo daa'ima qalama diimaa dhiiga fakkaatu fuulatti dibamee agarsiisuu biyyoota Arabaatti dubbi himaa muummicha ministeera Israa'el kan ta'an Ofiir Gendelmaanin X irratti maxxanfamee ture.
"Akkamitti nama miidhame fakkeessun kaameeraa fuulduratti nama nagaatu miidhame akka jedhan isinumti ofii keessanii ilaalaa. Paaliwuud ammas irra deebin saaxilameera," jechuun Ofiir X irratti maxxansee booda osoo hin haqamin dura namoonni miliyeenni heddu ilaalaniiru.
Viidiyichi fiilmii namni lammii Libaanos yaadannoo namoota Gaazaa keessatti hojjatame irraa kan fudhatameedha.
Daayireektara fiilmichaa kan ta'e Mahaammud Ramzii fiilmiisaarraa fudhatamee akka oduun sobaa raabasamu Inistaagiraamitti erga himatee booda, inumaayyuu fiilminsaa baay'ee akka ilaalameef BBCtti hime.
Dubbi himaan ministeera muummee Israa'el Ofiir Gendelman maalif fiilmirraa viidiyoo kutanii Gaazaa keessatti nama du'e fakkeessanii akka waan diraaman hojjatamuutti maalif akka maxxansan gaafachuuf BBCn qunnamee deebii hin arganne.