Helikooptaroonni waraanaa Ameerikaa lama kufanii cacabuun namoonni hedduun du'uun hin oollee jedhame

Bakaa Hilikooptaraa kanaan hedduu du'utu shakkame

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Balaa heliikooptara waraanaa Ameerikaa bulchiinsa Ameerikaa Keentaakii keessatti mudateen namoonni hedduun du’uu akka hin oollee himame.

Balaan helikooptaraa kun helikoptaroota Kutaa Humna Qilleensaa 101ffaan kan qaqqabee yoo ta’u, namoonni hedduun du’uu hin oollees jedhameera.

Bulchaan Keentaakii Andii Bashiyaar balaa helikoptaraa dhuheenya Foort Kaampbeelitti mudate kun oduu gaddaa cimaafi namoonni hedduun lubbuu dhabuu akka hin ollee eegamaa jiraachuu himan.

Gabaasni miidiyaalee biyya keessaa akka agarsiisutti, balaan kun sa’aatii naannichaatiin gara 21:35 (01:35 GMT) irratti yoo ta’u, namoonni sagal ta’an du’uu hin oolle jedhan.

Balaan kun naannoo Kaawuntii Tigg kan buufata waraanaa Foorti Kaampbeeliitti jedhameera.

Ibsa BBC’f kennaniin, Dubbii Himaan waraana Ameerikaa, hilikoptaroonni HH60 Blackhawk jedhaman lama osoo ‘‘ergama leengii idilee irra’’ jiranuu mudate jedhan.

‘‘Ammattis haalli miseensoota hilikoptaroota keessa turan irratti argaman hin baramne,’’ jedhaniiru.

‘‘Komaandichis ammatti miiseensoota tajaajilichaafi maatiif kunuunsa taasisuu irratti xiyyeeffateera’’ jedhan itti dabaluudhaan.

Hilikoptaroonni lamaan walitti bu’anii yoo ta’e ilaalchiisuun gaaffii BBC’n dhiyeesseef, dubbi himaan kun ‘‘ammatti dhimma kana adda baafamee kan mirkanneeffamen hin jiru’’ jechuun deebiisan.

Itti dabaluunis, balaan qaqabe kun qoratamaa jiraachuu fi odeeffannoon dabalataa wayita argameetti akan himamuu ta’u dubbatan.

Akka marsariitii Waraanaa Ameerikaatti, Kutaan Humna Qilleensaa 101ffaan waraanaa Ameerikaa keessatti garee ittisa qilleensaa sadarkaa idil-addunyaatti zooniiwwan waraanaatti ergamuu kan qofaati.