UKn deeggarsa waraanaa dabalataa £1bn ta'u Yukireeniif kennuuf

Maxxanfame

UKn deeggarsa meeshaa waraanaa dabalataa £1bn ta'u Yukireenif kenuufan jira jettee. Kunis waraana Raashiyaan Yukreen irratti labsite qolachuuf Yukreen gargaara jette.

Deeggarsa amma kennuuf jiru dabalatee hanga ammaatti UKn Yukireenif deeggarsa meeshaa waraanaa paawundii biliyeena 2.3 ta'a. Deeggarsa namoomaf ammoo hanga ammaatti Yukireenif paawundii biliyeena 1.5 kennitee jirti.

Booris Joonsan, "deeggarsi Biriteen Yukreenif goote humna ittisaa ittisaa biyyattii kan jijjiiredha" jedhu.

UKn murtee kana irra kan geesse erga pirezidaantin Yukreen Zeleniskiin deeggarsa meeshaa waraanaa gurguddaa fi ammaayyaatif NATO tti iyyatanii booda.

Zeleniskiin dureewwan NATO tti akka himanitti Yukreen sababa waraana kanaatin ji'atti baasii waraanaa doolara biliyeena 5 baasti.

US tti aanun UKn biyya deeggarsa waraanaa guddaa Yukreenif gooti. Dhiyeenya US Yukreenif deeggarsa doolaara biliyeena 40 raggaasistee jirti.

Jalaba irratti UKn misaa'eloota farra taankii fa'aa Yukreenif eergaa turte, amma garuu meeshaalee waraanaa gurguddaa arjoomuf jirti.

Deeggarsi UKn amma taasiftu kun bittaa meeshaalee waraanaa kanneen akka meeshaalee farra qilleensa irraa ammayyaa, dirooniwwan, meeshaalee waraanaa sirna odeeffannoo, fi meeshaaleewwan biroo heddu akka of keessatti hammata.

UKn paawundii biliyeena tokko bajata haftee irraa kan ergitu yoo ta'u, paawundii miliyeena 95 mootummotta Weelsi fi Iskootilanditu arjooma.

Mootummaan UK akka jedhetti deeggarsi dabalataa kun Yukreen Raashiyaa ofirraa ittisuun alatti daangaa ishee Raashiyaan jalaa to'ataman akka deebifattuuf ishee gargaara.

Haa ta'u garuu deegarsi kun ammayyuu hin ga'u jedhama.

Zeleleniskin har'a karaa viidiyoo Kora NATO Maadiriiditti taa'amaa ture irratti haasaa taasisaniin, Olaantummaa meeshaa waraanaa Raashiyaan biyya isaanii irratti qabdu cabsuuf meeshaalee waraanaa ammayyaa fi artilariiwwan akka isaan barbaachisu dubbatan. 

"Raashiyaan ammayyuu guyyaatti galii biliiyenan lakkaa’amu argachuun waraanarra oolchiti. Nuti ammoo kisaaraa biliyeena heddutu nu mudate, kana kan ittiin deebifnu boba’aa hin qabnu.,” jedhu Zeleniskiin haasaa taasisan kanaan. 

Booris Joonsan walgahii NATO Maadiriiditti gaggeeffame irratti, “Puutin ajjeechaa isaa itti fufee jira, nagaa fi tasgabbii Awurooppatiifis yaaddoo ta’eera” jechuun dubbatan. 

Itti dabaluunis meeshaalen waraanaa fi leenjin UKn kennitu weerara Raashiyaan Yukreen irratti taasifte qolachuu keessatti humna ittisa Yukreen heddu gargaarera jedhan.