Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp yaalii ajjeechaa irratti gaggeeffameef FBIn qoratamuuf
Doonaald Tiraamp yaalii ajjeechaa irratti gaggeeffame ilaalchisee FBI waliin gaaffiif deebii taasisuuf waliigalan.
Gaaffiif deebichi qaama qorannoo yaalii ajjeechichaa yoo tahu, FBI yoom akka Tiraamp waliin gaaffiif deebii akka taasisu garuu hin ibsine.
''Gaaffiif deebii idilee miidhaamaa yakkaa kamiyyuu waliin goonu waliin tokkuma'' jedhe FBI.
''Waan isa mudate irratti yaada isaa dhagahuu barbaanna,'' jedhe Ergamaan Addaa FBI Keevin Roojek.
Ragaalee hedduun yaalii ajjeechaa Peeniselvaaniyaatti Tiraamp mudateef argamanis qorattoonni garuu ammayyuu kaayyoo Toomaas Maatiw Kiruuksi [nama Tiraampitti dhukaase] dhukaasa itti bane bira hin geenye.
Egaa gabaabaan dhiyeenya argame akka jedhutti namni yaalii ajjeechaa raawwate kun daqiiqota 90 dursuun humna nageenyan argamee ture.
Ergaan Niw Yoork Taayimsii fi ABC News argatan ammas kufaatiin eegumsa irra akka jiru argisiiseera.
Wiixata kaleessaa qorattooni FBI akka jedhanitti Kiruuksi guyyaa duulli filannoo itti gaggeeffamu sana dursee ''sirriitti karoorsuun, sochii isaa dhoksuufis dhamaatii guddaa'' taasiseera.
Karoora isaa keessatti akkaataa maatiin isaa shakkuu hin dandeenyetti meeshaalee dhohuu danda'an jaha bitatee qopheesseera jedhe FBI.
Qorannoo hedduun maaliif eegumsi bakka sanaa hin milkaa'iin hafe kan jedhu irratti xiyyeeffatee ture.
Daarikterri Dhaabbata Sekiret Sarvis Kiimberlii Chiitil kanumarraa ka'uun aangoo isheerraa kaate.
Guyyaa yaaliin ajjeechaa gaggeeffame sana mooraan sagantaan duula filannoo itti qophaa'e eegdota Sekreet Sarvisiin eegamaa ture.
Isaan ala kan jiru ammoo humna nageenyaa naannichaan eegamaa ture.
Guyyaa sana waan mudate ergaa gabaabaan baheera.
Sa'a 16:19 irratti poolisiin naannichaa waayillan isaa lamaaf ergaa gabaabaa hojiirraa bahaan jira jechuun barreesseef.
Isaan ammoo gamoo lammaffaa bakka duulli filannoo itti gaggeeffama ture sanarra turan.
Yeroo gamoo sanarraa bu'ee deemu dargaggeessa minjaala tokko bira taa;u arge.
Poolisiin kunis deebisee waayillan isaaf akkas jedhee ergaa gabaabaa barreesse.
''Namni tahe sochii keenya hordofaa jira. Konkolaataa isaas kan keenya cinaa dhaabeera, hordofaa'' jedhee barreesseef.
Sa'a 17:38 irratti namni yaalii ajjeechaa raawwate Kiruuksi minjaala bira taa'aa ture sana biraa ka'uun gara gamoo mankuusaa sanaatti bahe.
Suuraan isaas asirraa fudhatamuun qoodameera.
''Mucaan gamoo irra jirru irra naanna'aa jira. Eeyyee dhugaadha. Meeshaa fayyadamee yoon ilaalu gara wal tajjiitti ilaalaa jiraachuun arge. Akka hordofaniif yoo isnaayiperoota Sekiret Sarvis hubachiisuu barbaaddeef. Amma eessa akka jiru argaa hin jiru,'' jedha ergaan waliif barreessan.
Ergaan biraa miidiyaan michuu BBC tahe CBS argate ammoo sa'a 17:51 irratti suuraan Kiruuksi gara poolisii tokkootti ergamuu agarsiisa.
Ajajoonni poolisii ''kallattii kamirra deeme'' jechuun gaafataa turan.
Daqiiqaa 20 booda Kiruuksi ajeefameera. Kiruuksi gamoo man kuusaa sanarra bahuun yoo Tiraampitti dhukaasu humni eegdota Sekiret Sarvis itti dhukaasuun ajjeesaniiru.
Dargaggoon kun yaalii kana osoo hin taasisiin guyyaa lama dura bakkicha deemuun akka qorataa ture himame.
Dhukaasaan duras daqiiqaa 11 tahuuf diroonii balaliisisaa akka ture poolisiin himeera. Poolisiin naannichaa to'achuuf yeroo yaalutti rasaasa saddet gara Tiraampi jiratti dhukaasuun achumatti ajjeefame.