Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paarlaamaan mirga himatamuu dhabuu Obbo Kiristaan Taaddale mulqe
Manni Maree Bakka bu'oota Uummataa Itoophiyaa walga'ii idilee Kamisa har'aa (Bitootessa 14, 2024) taa'een bakka bu'aa paartii Sochii Biyyaalessaa Saba Amaaraa (ABIN) Obbo Kiristaan Taaddalee irraa mirga himatamuu dhabuu mulqeera.
Obbo Kiristaan Taaddale paarlaamaa kan galan, Naannoo Amaaraa, Godina Goojjaam Dhihaa naannoo filannoo Quwaarititti paartiisaanii ABIN irraa filatamuun ture.
Erga paarlaamaa seenanii booda walitti qabaa koree dhaabbii dhimma bulchiinsaa fi to'annoo baasii mootummaa ta'uun tajaajilaa turan.
Erga naannoo Amaaraatti rakkoon nageenyaa mudatee garuu Adoolessa darbe labsii yeroo muddamaa labsameen seeraan to'atamanii ji'oota torba darbaniif mana hidhaa turan.
Qondaalli paartii morkataa kun hidhamanii ji'a torba booda har'a paarlaamaan biyyattii mirga himatamuu dhabuu irraa mulqe.
Paarlaamaan biyyattii mirga himatamuu dhabuu Obbo Kiristaan Taaddalaa mulquu guyyaa tokko dura BBCn ajandaa dhimma kanarratti xiyyeeffatuu fi miseensota paarlaamaaf ergame argateera.
Ajandaan kora paarlaamaa kanaa mirga himatamuu dhabuu miseensa tokkorraa mulquu akka ta'e ibsa.
Namni kun bakka bu'aa paartii ABIN Obbo Kiristaan Taaddale akka ta'e BBCn dursee bareera.
Obbo Kiristaan Taaddalen alatti bakka bu'aan ABIN kan biraan Dr Dassaalany Caannee Amajjii darbe gara dhumaarra to'annoo seeraa jala oolaniiru.
HeeraItoophiyaa keessatti ''miseensi mana maree bakka bu'oota kamiyyuu wayita yakka hojjetu harkaa fi harkatti yoo qabameen alatti eeyyama mana marechaa malee qabamuu hin danda'u. Yakkaanis hin himatamu,'' kan jedhu tumameera.
Obbo Kiristaan Taaddale mirgi himatamuu dhabuu irraa mulqamuun nama lammaffaadha.
Paarlaamaan Itoophiyaa bara darbe Ebla keessa Pirezidantii Yuniversitii Bulee Horaa kan turan Dr Caalaa Waataa irraa mirga himatamuu dhabuu mulqee ture.
Torbeewwan darban keessa ammoo miseensota mana maree naannolee manneen hidhaa biyyattii keessa jiran irraa mirgi himatamuu dhabuu mulqameera.
Miseensa mana maree naannoo Amaaraa kan turan Obbo Yohaannis Buwaayaaloo Guraandhala darbe keessa mirgi himatamuu dhabuu irraa ka'e.
Miseensa caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa irraa ammoo Guraandhala 18, 2024 mirgi kun irraa mulqame.
Haala walfakkaatuun miseensa mana maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dr Kaasaa Tashaagar irraas mirgi himatamuu dhabuu kan irraa mulqame yerooma walfakkaatutti.
Miseensonni mana maree kunneen ji'ootaaf erga hidhamanii booda mirgi himatamuu dhabuu irraa mulqame.