Waldaan abukaatotaa haaraa hundaa'e lammiileef maal fayyada?

Maxxanfame

Kanaan dura Itoophiyaa keessa waldaan abbootoo seeraa jedhamu jira ture. Waldaan siivilii kun mirga miseensaota isaa kabachiisuuf gahee guddaa bahachaa turus torban darbe kana Waldaan Abukattotaa Federaalaa hundaa'e garuu isa irraa addadha.

Adunyaa guutuutti keessumaa Bar Asoseeshin jedhamuun kan beekaman ogeessotni seeraa kunneen dhaabbata ofumaan of bulchu yoo tahu, mootummoota, dhaabbilee gurguddaafi ogeessota seeraa ogummicha hojiirra oolchan irratti dhiibbaafi to'annoo guddaa geesisuu danda'u.

Seenaa kenninsa tajaajila haqaa Itoophiyaa keessatti yeroo dheeraaf kan hawwamaa ture dhaabbbanni kun, A L I Adoolessa 29/2013 Labsii Bulchiinsaa fii Eeyyama Kenninsa Tajaajila Haqaa baheen dhugoomuu dandaheera.

''Adunyaa guutuu kana irratti abukaattotni hawwaasa hedduu bakka bu'uun tajaajila abukaatoofi gorsa seeraa kan kennan yoo tahu, hanga gadiitti bu'uun hawwaasa waliin wal qunnamuu danda'u.

Gaafatamummaan isaanii abbaa alangaafis tahe gaafatamummaa abbootii seeraaf qoodni inni sirna haqaa keessatti qabu ol aanaadha,'' jedhan Ministeera Haqaatti, Minister Deetaa kan tahan Alamaantee Aggidoo.

'' Ministerri Haqaa waggoota sadii dura kan jalqabe lafarra harkifataa turuun labsii hundeeffama isaa amma dhuguumseera,'' jedhan.

Erga barbaachisummaan isaa itti amanamee hanga ammaa labsiin hundeeffama isaa osoo hin bahiin maaliif ture gaaffii jedhuuf, "yeroo garaagaraatti wixineen seeraa adda addaa qophaahee ture. Garuu kutannoon mootummaa hin mul'anne ture,'' jedhan.

Labsichi maal jedha?

Hanga Adoolessa darbeetti Itoophiyaa keessatti abukaatoon tokko beekamtii seeraa kan qabu dhaabbata seeraa tokko banee hojjechuu hin dandahu.

Garuu waajjira banatee hojjechuu dandaha malee namoota kaan waliin walitti dhufee dhaabbata sirna haqaa irratti hojjetu banuu hin dandahu.

Dhaabbileen abukaattotaa damee seeraa adda addaan muuxannoo kan qaban kan hammatu yoo tahu hojii abukaattummaa idileen ala hojii bal'aa adda addaa hojjetu.

Kanaafuu waldaan abukaatotaa haaraan kun abukaattota dhuunfaan ala dhaabbilee abukaattotaa beekamtii seeraa qaban hammachuun isaa irra caalaa akka guddaa tahu isa godha.

Waldichi dirqama tahuu labsichi ni ibsa.Kana jechuun namni tokko ykn dhaabbanni tokko eeyyama abukaattummaa gaafa argatu haal-duree tokko malee miseensa waldichaa taha jechuudha.

Hanga waldichi humna maallaqaan of cimsutti mootummaan akka deeggarsa gochuu qabu labsichi ni hima.

Qaama waldichaa keessaa aangoo ol aanaa kan qabu miseensota torba kan of keessaa qabu koree hojii raawwachiiftuu yoo tahu isaanis kora waliigalaan kan filaman taha.

A L I Amajji 15, 2014 kora waliigalaa gaggeeffameen Hiiruut Mallasaa, Filiiphoos Ayinalem , Liquu warquu, Yooseef Ayimiroo, Hosaa'inaa nagaash, Tiddeneqaalesh Tasfaa fi Salamoon Immiruu duraa duubaan sagaalee caalmaa argachuun akka waldicha gaggeessaniif filamaniiru.

Akkasumas Siniduu Alamuu pirezidaantii waldichaa, Teediroos Geetaachoo, itti aanaa pirezidaantii gochuun muudeera.

Boordiin waldaa abukaattotaa hordofu labsii kanaan kan hundaa'e yoo tahu, miseensota boordichaa Abbaan Alangaa Waliigalaa dhiyeessuun ministirri muummee ammoo kan muudan taha.

Miseensota kanneen keessaa sadan isaanii Waldaa abukaatotaa irraa, tokko barsiisaa seeraa, mana murtii waliigalaa irraa tokko akkasuma lama ammoo Abbaa Alangaa Waliigalaa irraa muudamu.

Imaammataafi seera baasuu irraati

Amajji 15 Kora Waliigalaa Waldaa Ogeesota Seeraa Itoophiyaa gaggeefame irratti ogeesotni seeraa 1,600 yoo hirmaatan miseensotni abukaattota federaalaa hirmaatan ammoo gara 5,000 ol tahu.

Itti aanaan pirezidaantii waldichaa Obbo Teediroos waldichi mootummaa to'achuu, ogummaa isaa guddifachuu fi adeemsa isaas uummataaaf beeksisuuf yaadamee kan hundaa'edha jedhan.

Hanga ammaatti waldaaleen seeraa turan akkuma waldaalee siivilii kaanii aangoo galmee irraa madde malee aangoo seera irraa madde waan hin qabaanneef, seerotni haaraan yeroo bahan dhiibbaan geesisuu danda'an daanga'aa ture jedhan.

''Seerotni haaraa bahan mirga lammiilee kan eeganii fi qulqullina kan qaban tahuu akka qaban dhiibbaa taasisa. Seerotni gaggaariin erga bahaniis qaama aangoo siyaasaa qabuun akka hin sharafamneef shoora isaa ni bahata.

Akkasumas manneetiin murtii hiikkaa seeraa yeroo hojjetan dhiibbaan isaan irra akka hin geenye hordofee saaxiluuf carraa gaarii uuma,'' jedhan Obbo Teediroos.

Qulqullina Barnoota seeraa irratti

Waldaalee adunyaarra jiran hunda wal fakkaatan keessaa tokko kan tahe Ameerikaatti Waldaan Abukaattotaa Baar bara 1878 erga hundeeffamee jalqabee qulqullina barnoota seeraa irratti hojjechaa ture.

1921 madaallii qulqullina barnootaa seeraa kaa'uun manneetii barnootaa madaallicha guutanis adda baasuun hojjechaa ture.

Bara 1952 ammoo mootummaan Ameerikaa Waldaaleen Abukaattotaa qulqullin abarnoota seeraa akka hordofuun ragaa gahumsa isaanii mirkaneessu akka kennan eeyyame.

Ammayyuu dhaabbilee muraasaan ala manneetiin barnootaa seeraa gahumsa isaanii kan argatan waldaalee kanneeniin madaalamuuni.

Labsii hundeessama waldaa abukaatotaa Itoophiyaa irrattis waldichi aangoo qulqullina barnoota seeraa biyyattii keessaa hordofuu kennameeraaf.

Walabummaa ogummichaafi cimina isaa

Hojii isaa dhiibbaa siyaasaa irraa walba godha jedhamee abdiin kan irratti gatame waldaan kun keessumaa dhiibbaa abukaatota irra gahu dhaabsisuuf shoora guddaa qabaata jedhame.

Naamusa abukaatotaa hordofuun hanga eeyyama isaanii irraa mulquutti koreen naamusaa akka hojjetu Obbo Teediroos himaniiru.

Kana dura murteen koree naamusaa ministeera haqaan jijjiiramuu fi haqamuu dandahu ture,'' kan jedhan Obbo Teediroos ''amma garuu murtee koree naamusaa beeksisuu malee jijjiiruu ministera haqaaf aangoo hin kennu,'' jedhan.

Obbo Teediroos akka jedhanitti waldaan kun ogeesotni sereraa ofii isaanii akka of bulchan kan eeyyamuu tahuu himuun yeroo muraasaaf garuu mootummaan kutaa to'atu akka qabu ibsan.

Garuu kora gaggeefatu irratti sagalee caalmaan murteessee kan deemu waldichuma tahuu himan.

Labsicha keessatti keewaatni 98 boordii fi waldichi uitti gaafatamummaa fi hojii isaanitti kenname waggoota lama keessatti fudhatu jedha.

Kana jechuun waldichi bara 2016 keessa hojii isaa eegaleera jechuudha.

''Dhaabbatichi humna namaa gahaa, meeshaalee hojii caasessuu hojjetaa kan turu yoo tahu, dursee garuu gara hojiitti galuu danda'a'' jedhan itti aanaan pirezidaantichaa.

Obbo Teediroos karaa waldaa abukaattotaa haaraa kana mootummaan karaa seera qabeessaan hojii isaa akka hojjettuuf dhiibbaa gochuun akka hojjetan BBCtti himaniiru.

Ol aanyummaa seeraa fi biyyattiitti tajaajilli haqaa kennamu akka fooyya'u, keessumaa qulqullinni tajaajilli abukaattotni kennan akka eegamuu fi naamusaan akka hojjetamuuf waldichi gahee isaa bahata jedhan.

Itti dabaluun milkii waldaa kanaaf kutannoon qaama aangoo siyaasaa qabuu fi ciminni miseensota isaa murteessaa akka tahe Obbo Teediroos himaniiru.