Goginsa Afrikaa Bahaa: 'Gogiinsi hiriyaa keenya nuuf taheera, waaqa kadhannees homaa hin roobne'

Kaaba Keeniyaatti sababa goginsaan maatiin waan ijoollee sooran dhabaa jiru
Maxxanfame

Kaaba Keeniyaa ganda Turkaanaa keessatti, jiraattonni roobni akka roobuuf waaqa kadhachaa turanis ammayyuu homaa hin roobne.

Waqtii afraffaaf roobni dhibuun isaa goginsa hamaa waggootii kessatti Afrikaa Bahaati argamee hin beekne uumeera, gandi kun kan maatilee 3,600f bakka jireenyaa ta’e, bakkeewwan guddaa miidhaman keessaa isa tokkodha.

Lafti gogee, biyyoo qofa ta’ee qullaa ta’eera.

Beeyladootni lubbuun hafan biqiltuu goge nyaachaa jiru. Uummatni waan argatan nyaatu, yeroo hedduu waan nyaatanu hin argatani.

Jasiintaa Ataaboo Lomaaluk ganda kana keessa jiraatti.

Haadha ijoollee shanii yoo taatu ilmishee inni jalqabaa hanqina nyaataan Fulbaana irraa eegalee dhukkubsatee jira. Ilmishee umurii ganna 12 kun ka’ee ol dhaabbachuu fi deemuu hin danda’u. Haala akka gogiinsa kanaa hamaa ta’e argitee akka hin beekne himti.

“Hammaachaa jira, isa kana dura turerra hammaateera. Kaanifidha mallattoo beelaa asitti kan agartu.”

‘'Beelli hiriyyaa keenya ta’eera. Erga gogiinsa ammaa kun bara darbe eegaleetii, lakkoofsi namoota hanqina nyaataan rakkatanii dabaleera'', jette.

Aadde Lomaaluuk maatiin ishee guyyaatti al tokkitti qofa akka nyaatan himti. Nyaatni hedduun waan hin jirreef jalqaba kan nyaatu daa’immanii fi maanguddootadha.

“Utuu gargaarsi hatattamaa namoota beela’an, keessumaa daa’imman rakkoo keessa jiran gargaaru utuu jiraatee nan hawwa,” jetti.

“Kanaan achi, namootni hedduun ni du’u jennee eegna.”

Aaddee Lomaaluk roobni dhibuu isaan namoota rakkatan miiliyoona hedduu keessaa tokkodha.

‘Namootni miiliyoona 20 rakkoof saaxilamaniiru’

Maatileen bishaanii fi nyaata argachuuf rakkataniiru. Daa’immaan miiliyoonaan lakka’aman hanqina nyaataan hubamaniiru. Beeyladootni, maatileen horii horsiisan nyaataa fi galiif irratti hirkatan du’aan dhumaniiru.

Gogiinsi kun ganda xiqqoo Keeniyaa irra darbee kan jiru dha, UN’tti Sagantaan Nyaataa Addunyaa Baha Afrikaa keessa namootni miiliyoona 20 ta’n beela hamaaf saaxilamanii akka jiran hima.

Itoophiyaan gogiinsa jaarraa walakkaa keessatti argitee hin beekne qolachaa jirti, Somaaliyaa keessa uummatni %40 ta’an beelaaf saaxilamaniiru.

Waldhabdeewwan Itoophiyaa fi Somaaliyaa keessa jiran rakkoo jiru kana caalaatti hammeessaniiru

Fageenyarraa, waraanni Yuukireen keessa jirus rakkoo kana irratti dhiibbaa uumeera. Waraanni kun gatiin nyaata akka dabalu goochuun, hawaasa nyaata ofii bitachuu qaban irratti sodaa beelaa uumeera.

Dabalataanis Yuukireen xiyyeeffannoo fi gargaarsa addunyaa hedduu fudhateetti. Sababa kanaan baajatni gargaarsa hir’achaa waan dhufeef, gargaarsi ga’aan gara Afrikaa Bahaa yoom akka dhufuufi, darbeeyyu ni dhufa yoo ta’e hin beekamu.

‘Addunyaan achi garagaleera’

Kun haala hogganaan waajjira dhimma gargaarsa namoomaa UN, Maartiin Giriifit geeddaru barbaadudha.

“Addunyaan kana irratti xiyyeeffannoo akka kennuuf cimsee hojjechuun barbaada,” jechuun Kaaba Keeniyaa bakka gogiinsaan miidhaman erga daawwatanii booda BBC’tti himaniiru.

“Addunyaan guutummaatti xiyyeeffannoo isaa Yukireenirraa kaa’eera, haalli achi jiru hamaadha, anis bakkeewwan lamaan daawwadheera, garuu rakkoon as jiru qixa hin qabu.”

Aadde Lomaaluk, “utuu roobni roobeeyyu bu’aa hin qabu. Utuu gargaarsi dhufeeyyu nu hin gargaaru. Karoora yeroo dheeraa barbaadna,” jetti.

“Kanaan achi, ji’oota muraasa booda yoo as deebitee dhufte, eenyuyyu hin jiraatu. Hundi keenya asii baqachuu dandeenya.”