Namoonni maaliif hawaasa keessatti ifatti viidiyoo saal-quunnamtii daawwatu?

Madda suuraa, Emma Hermansson
- Barreessaa, Manish Pandey fi Rachel Stonehouse'n kan barreeffame
- Gahee, Gaazexeessitoota Newsbeat
- Maxxanfame
Dur wa'ee saal-quunnamtii haasa'uunuu waan oodaati, amma namuu bakka fedhetti, bakka fedhetti viidiyoodhaan daawwata-hawaasa keessatti, mana barumsaa, geejjiba, mana kitaabaa, kompiyuutara bakka hojii- bakka hedduutti ifatti viidiyoo saal-quunnamtii bananii daawwachuun baratamaa ta'aa dhufeera.
Fakkeenyaaf waan UK keessatti mudate kana hubadhaa, barattuu Bronwen Reed qo'annaaf mana kitaabaa turte, garuu gurri ishee sagalee viidiyoo saal-quunnamtiitiin jeeqameera. Namni wayii cinaashee taa'ee kompiyuutara mana kitaabaarraa viidiyoo saal-quunnamtii daawwata.
Mana kitaabaa barattootaan guutame keessatti viidiyoo banee bakka namni hunduu argutti daawwata jechuudha.
''Baayyee na ajaayibe, nan rifadhes. Maal akkan godhun wallaale,'' jechuun BBCtti himte.
Barattuun umrii waggaa 21 jiraattuu magaalaa Maanchistar taate kun, yeroo sanaaf wanuma tasa mudate jettee bira dabartus, yeroo boodas namuma kanarraa bakkuma kanatti gocha walfakkaataa argite.
Akkuma Bronwen, kanneen waita namoonni ifatti hawaasa keessatti, geejjiba keessatti viidiyoo saal-quunnamtii daawwatan argan heduun muuxannoosaanii qoodaniiru.
Dhiheenya kana miseensi paarlaamaa UK galma keessatti bilbilasaarraa viidiyoo saal-quunnamtii daawwachuu erga amanee booda hojii gadhiiseera.
Miseensi paarlaamaa kun osoo marsariitii biraa irraa odeeffannoo barbaaduu akka carraa viidiyoon kun banamuu fi viidiyoo saal-quunnamtii daawwachuuf fedhii akka hin qabne BBCtti himeera.
Gabaasi jaarmiyaa miidiyaa, Ofcom jedhamuu akka mul'isutti walakkaan ga'eessota UK viidiyoo saal-quunnamtii daawwatu.
Yeroo dhiyoo as ammoo namoonni hedduun ifatti hawaasa keessatti viidiyoo saal-quunnamtii bananii daawwatu, amalli kun maalirraa madde?
Ogeettii wal'aansa xiin-sammuu-psychotherapy- kan taate Dr Dr Paula Hall, haala namoota araada viidiyoo saal-quunnamtii qabanii fi dhimmoota saal-quunnamtiin walqabatan kaanirratti hojjetti.
Dhimma kanarratti BBC waliin turtii taasisteetti.
Araada
Dr Hall wantoota akka sababaatti kaase keessaa inni jalqabaa araada viidiyoo sal-quunnamtii daawwachuurratti namoonni qabaachuudha.
"Namoonni gocha tokkotti yoo kan araada qabaatan ta'e, miirrisaanii to'annoon ala ta'a. Gochichis amala itti ta'a,'' jette Dr Hall.
Araada alkolii, qumaara yookiin geemii fi kaanis yoo ta'e, namni qabaannaan fedhiisaa to'achuu dadhaba jetti Dr Hall.

Madda suuraa, Bronwen Reed
Akka Dr Hall jettutti namni tokko araada viidiyoo saal-quunnamtii daawwachuun qabamnaan, of harkaa ba'a, yeroo kenneefii, yeroo biraa daawwachuuf of to'achuu dadhaba.
Namni wayita araadaan qabamu, sammuun hojiisaa dagata jette.
Hanqina hubannoo fi akka mirgaatti ilaaluu
Callum Singleton, manasaa Glasgow keessatti argamutti osoo galaa jiruu nama cinasaa taa'ee viidiyoo saal-quunnamtii daawwatu arga, haalli kunis daran bitaa itti galuufi namni kun maaliif akka daawwatu hubachuuf akka rakkates hima.
"Dhiheenya kana haalli kun akkaan baratamaa dhufeera. Namoonni kunneen guyyuu waan akkasii hojjetu, viidiyoo saal-quunnamtii daawwachuun jireenyasaaniita'eera. Garuu akkas ta'uu hin qabu,'' jedhe dargaggoon ganna 19 kun.
Dr Hall akka jettutti namoonni kan hawaasa keesatti ifatti viidiyoo saal-quunnamtii daawwataniif hanqina hubannoorraati.
"Marsariitii tokkorraa wayita odeeffannoo barbaadanii ka'an, itti aane hidha jiru tuqu. Dhumarratti gara viidiyoo saal-quunnamtiitti isaan geessa. Kun hubannoo dhabuurraati.''

Madda suuraa, Getty Images
Viidiyoo saal-quunnamtii daawwachuu aadeffachuunis namoota kaanirraan dhiibbaa ga'aa jira.
''Yeroo ammaa viidiyoon saal-quunnamtii baayyataa jira. Namoonni wayita viidiyoo kana daawwatan waan namni hunduu daawwatu itti fakkaata. Akkaan baratamaa ta'eera.''
Akka Dr Hall jettutti namoota muraasa biratti viidiyoo saal-quunnamtii daawwachuun akka humna qabaachuu waliin walqabata, inni humna qabu viidiyoo daawwachuu mitii namayyuu gudeeda mitiiree?
"Namoonni waan itti dogoggoran qabu. Daawwachuun mirga kooti jedhu. Abbaa fedhettuu yoo toluu dide dhimmasanii miti.''
Barmaatilee (itti guddachuu)
Dhalli namaa ijoollummaarraa viidiyoo saal-quunnamtii daawwachaa yoo guddate booda dhiibbaa hamaa qaba jette Dr Hall.
Gochi tokko amala sitti ta'aa jiraachuusaa yeroon hin hubattu taanaan amala badaa ta'e ofirraa cabsuu hin dandeessu.
Hundaa ol ammoo viidiyoo saal-quunnamtii daawwachuun amala akka namatti ta'uu fi to'achuufis akka nama rakkisu hubachuu dhabuun rakkoo kanaaf nama saaxilaa jira.
Amalli akkasii hawaasa kan mufachiisuu fi hawaasa keessaa kan nama baasu ta'uus hubachuun dirqama.
Ammoo wanti hawaasa bal'aa mufachiisu yakka ta'uu namoonni hubannoo hin qaban, ofittummaan akkasii ammoo adabbiifillee nama saaxila.

















