Iraanitti namichi bineensa 'beer' sanyiinsaa badaa jiru ajjeesse hidhaa bu’e

beer

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Iraanitti namichi bineensa 'beer' jedhamu kan bifa booraa qabuufi sanyiinsaa badaa jiru dhahee ajjeese to’annoo jala oole. Dilbata darbe Kaaba-Lixa Iraan otoo bineensichi mandara keessa asiifi achi jedhuuti kan nama kanaan ajjeefame.

Jiraattonni bulchiinsa Ardaabii, naannoo Kennaazaaq , konkolaataa tiraaktaraan isa danqanii dhaabuun dura arii’aa, haleelaa turani jedhe tajaajilli oduu Iraan

Suuraan iddichatti kaafame akka agarsiisutti, bineensi kuni gommaa tiraaktaraan gadi gombifamee, mormisaa qaama konkolaatichaa biyyoo hammaaruun qabamee ture.

Akka tajaajilli oduu kuni jedhutti bineensi kuni miilaafi dugugguruunsaa miidhameera.

Qondaalli eegumsa naannoo gara kiliinika bineensotaatti isa dhaqatus miidhaa irra gaherraa hafuu hin dandeenye.

Abbaan alangee naannicha gocha ‘suukaneessaa’ jechuun kan balaalleefatan yoo tahu, uummatas mufachiiseeraa jedhan.

Gaafa Wiixataa manni murtii Ardaabiil ‘’yakkamaan’’ kuni to’nnoo jala ooleera jedhe, eenyummsaa otoo adda hin baasiin.

Jiraattonni naannoo maaliif bineensa kana akka haleeluu barbaadan waanti barame hin jiru.

Sanyiin beerii kanaa naannoo gaarreen Zaagroos fi Alboorz jedhamutti kan argaman yoo tahu, manca’insa naannoo, lola namootaa wajjin uumamuufi adamoodhaan badaa jiru.

Dhaabbata idila addunyaa Union for the Conservation of Nature (IUCN), kan sanyii bineensota 100,000 bada jala jiraniifi haala eegumsa isaanii to’atuun beeriin kuni warreen adda baafaman keessa jira.

Dilbatuma darbe kaaba Teeraanitti, sanyiin qeerransaa Peershiyaa, poolisii erga miidheen booda qawweedhaan ajjeefameera.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifame akka agarsiisutti bineensi kuni fuuldura gamoo dhaabachaa ture lafatti utaale jennaan namni fiiguu jalqabe.

Qeerransi kuni boodarra qabamee gara dahoo bineensotaa geeffamus, gatii itti dhukaafameef lubbuun hafuu hin dandeeye.

Bineensi kuni bosona naannoo jirurraa magaala haa galuu, qe’ee namootaatti madaqfamee jiraachaa haa turuu qulqulleeffachaa jiru.