Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'Waraana keessa ta'uura weerara Covid naaf wayya'

Maxxanfame

Wal waraansi Itoophiyaa ji'oota 17f adeemaa jiru, kumaatama galaafatee, miiliyoonota ammoo harka namaa akka eeggatan godheera.

Waraana dhaabuun namoomaaf jecha mootummaa federaalaafi finciltoota Tigraay gidduutti waliigalame, lola kana dhaabuuf tarkaanfii isa duraati jedhamee leellifameera.

Magaalaa seena-qabeettii taate Laalibalaatti, waraanni kuniifi weerarri Koviid jiruu namoota hedduu miidhe.