UStti namtichi 'lakkii hin barbaadu' otoo jedhuu guyyaa dhalootaasaa kabajaniif, himatee $450,000 mo'ate

Office birthday banner

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Namtichi biyya Ameerikaa bulchiinsa Kentaakii keessaa, bakki hojiin isaa otoo inni 'lakkii hin barbaadu, nan jeeqama' jedhuu guyyaa dhalootasaa kabajaniif, doolaara 450,000 yookaan Birrii miiliyona 23 ol akka kanfalamuf murtaa'e.

Himataan maqaansaa Kevin Berling jedhan kun, kabajaan guyyaa dhalootaa bara 2019tti dhaabbata Gravity Diagnostics jedhamutti gaggeeffame, rifaatii garmalee natti fide jechuun himateera.

Himannaa kanarratti akka kaahametti, dhaabbanni inni keessa hojjettu sababa qaama miidhamaa taheef loogii irraan gahan jedha.

Kaampaanichi balleessaa homaatuu hinqabu jechuun haala.

Akka ragaan mana murtii kaawuntii Kenton'tti dhiyaate agarsiisutti, Obboo Berling rakkoo cinqama olaanaa (anxiety disorders) akka qabu kaasa. Kanuma himachuunis itti gaafatamaa isarra jiruun, akkuma namoota kaaniif godhanitti, anaaf guyyaa dhalootaa koo naaf hin kabajinaa jechuun itti hime.

Maali jennaan? rifaatuu garmalee ykn sardama keessa na galcha (panic attack) - kana malees, taateewwan ijoollummaa gaarii hin taane na sammuu kootti fida jechuun ture.

Jennaan jarri garuu ittuma didanii Hagayya 2019 keessa sagantaa inni hin eegne qopheessaniif - kunis rifaatuu guddaa keessa galche. Paartii qophaa'e dhiisee bahe, laaqanas konkolaataa keessa taa'ee nyaate.

Akka himanni dhaddachatti dhiyaate mul'isutti, guyyaa ittaanu wayita namni kun deebiyee hojii galu, walgahiirra ''maaf kan goota jedhanii qeeqan.'' Kana malees ''gammachuu waahillan hojiisaa saame, akka intala xiqqoo tahe,'' jechuunis isa qeequun eerameera.

Walgahii kanarrattis namni kun irra deebiin sardama keessa gale jennaann, dhaabbatichi guyyoota lamaaf mana akka turu itti hime.

Achiis Hagayya 11 kaampaaniin qorannoo Covid-19 taasisu kun hojiirraa hari'e. Sababni maali jennaan, nageenya bakka hojii jeeqe kan jedhu ture.

Himata isaarratti namni kun, qaama miidhamaa tahuusaatiin qoollifatamuu, akkasumas gaaffii gaafachuusaatti ammoo haaloon itti bahamuu eerameera.

Ji'a dabre keessa oolmaa dhaddachaa guyyoota lamaan booda, gumiin miseensota hawaasaa (jury) $450,000 akka argatu murteessan. Kana keessaa $300,000 miiraan miidhamuusafi $150,000 ammoo mindaa dhabeef tahuun himameera.

Ragaan waa'ee fayyaa sammuu National Alliance on Mental Illness akka mul'isutti, lammiileen Ameerikaa miiliyoona 40 ol tahan, dhiphuu olaanaaf (anxiety disorders) kan saaxilamanidha - kunis uummata biyyattii keessaa %20 kan tahu jechaadha.