Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nami mana isaa keessatti sanduuqa cabbeessu keessa adurree, sareefi bofni argaman to'atame
Biyya Ameerikaa keessatti poolisiin Arizoonaa nama mana isaa keessa bineensonni gosa garagaraa 183 sanduuqa qorrisiisu keessa ol kaa'e to'annoo jala oolche.
Bineensoni kunneen bofa, saree, adurreefi simbira dabalata.
Mikaa'el Paatiriik Turlaand, ganna 43, nami kuni bineensota tokko tokko osooma lubbuun jiranii cabbeessituu (freezer) keessa kaa'u amanuu isaa waajjirri poolisii bulchiinsa Mohave himeera.
Bineensota irratti gocha gara jabummaa raawwachuunis himatameera.
Suuraan kaafaman ''baay'ee kan nama jeeqaniifi laphee nama cabsanidha,'' jedhan dubbi himtuun poolisii Anitaa Morteensan.
''Akka nama bineensota jaalatuttii isaan ilaalaa boo'aan ture,'' jechuun BBC'tti himan. Suuraaleen ka'an miira namootaa waan jeequ malaniif akka hin gadhiifne ibsan.
Qondaaltonni yeroo ammaa haadha warraa Obbo Turlaand, Aadde Biruukiliin Beek barbaadaa jiru.
Namichi kan hidhame erga hawaasa keessaa nami tokko dhimmicha poolisii gurra buuse boodadha.
Nami tokko kana dura bofi isaanii akka horuuf Obbo Turlaanditti kennanii eegasii garuu ija argaa namichaa akka dhaban himan.
Dubartiin kuni erga warri isheen bofa kenniteef akka mana jijjiirratan abbaan qabeenyaa itti himuu poolisiitti himte.
Abbaan qabeenyaa manicha qulqulleessuuf yeroo dhufu maashiniin qorrisiisuu bineensota du'aniin guutame kutaa konkolaataan dhaaban keessa argame.
Kanneen keessa bofi isheen itti kennite jira jedhameera.
Qondaaltonni raacha, bineensa qocaa fakkaattu, lootuu, simbirroota, focii, hantuutaafi illeettiin fa'i bineensota maashinii qorraa keessa dhagaa ta'anii argamanidha.
Guyyoota kudhan booda Obbo Turlaand manatti deebi'uu isaa dhagahanii poolisoonni hidhani.
Sababa maaliif bineensota kana maashinii akkaan qorrisiisee cabbeessu keessa akka kaa'e hin beekamu.