Iskootilaand: Dubartii waahila hojiisheef kalee gumaachuun lubbuu baraarte

Maxxanfame

Namni dubartiin Ninoon Farguusan jedhamtu akka kalee isaaf gumaachitu bakka hojiisaaniitti waadaa galteef jalqaba akka qoosaatti fudhatee ture.

Istuwaart Miidilitan waggoota dura haadhasaarraa kalee argatee ture, garuu ammas kaleensaa hojii dhaabuu eegale.

Guyyaa tokko bakka hojiitti waahilasaa Ninoon jedhamtu waliin osoo haasa'anii isheen kalee akka gumaachuufii barbaaddu itti himte, inni garuu yeroo sana amanuu hin dandeenye.

Haati daa'ima tokkoo dubartiin umrii waggaa 39 Ninoon garuu waadaasheetti cichite.

Dubartiin kun jireenya ishee keessatti ''waan bu'a qabeessa tokko'' hojjechuu akka barbaaddu BBC Scotland waliin turtii taasisteen himteetti.

''Namoonni maaliif akkan tarkaanfii kana fudhe na gaafatu. Anis ilmaansaa dhiiraa lamaaf jedheen kana godhe jedheen deebiseef,'' jette.

''Anaaf daa'imman maatii malee hafuu caalaa wanti na dhukkubsu hin jiru. Ilmi koo fi ilmisaa hangafaa hiriyoota. Dhukkubsachuu nama kanaa wayitan dhagahu ilmisaa sekondii tokkoofillee abbaa malee hafuu hin qabun jedhe.''

Maatiinshee, bakka Fireench Alpis jedhamu keessa jiraatan, jalqaba tarkaanfiisheerratti gaaffii kaasanii turan, amma garuu fayyummaa Istuwaart gaafatu.

"Maatiin kiyya boodatti jedhanii turan. Rakkoo an keessa darbutti hedduu dhiphatanii turan,'' jette.

"Kaleen kan gumaachamu miseensa maatiif malee waahila hojiif miti jedhanii yaadaa turan. Garuu amma anis fayyee, hojii boonsaa kanas hojjechuu kootti boonaa jiru.''

"Istuwaart nama ajaayibaati, kanaafuu tarkaanfii sirriin murteesse. Waanan yaade milkeessuu kootti akkaanan gammada,'' jette dubartiin kun.

Kubbaaniyyaa annisaa Intergen jedhamutti hooggantuu kan taate Ninoon, daa'imashee waggaa saddeetii waliin Edinbiraa keessa jiraatti.

Dubartiin kun hanga wal'aansi baqaqsanii yaaluu Sadaasa 2017 raawwatamutti murteeshee kana iccitiidhaan qabatte, namoota waliin hojjetan biroottiyyuu hin himne.

"Namni akka dhiibbaa narratti uumee sammuu koo jijjiiru hin fedhun ture. Akkan raawwadhu mirkana ture. Kanaafan namatti himuu dhiisee ofumaaf raawwadhe,'' jette.

Kubbaaniyyaan isheen keessaa hojjettu, Intergen ''hojii bayeessa ajaayibsiisaa fi dhala namaaf yaaduuf barumsa ta'u,'' hojjette jechuun badhaaseera.

Namni umrii waggaa 46, Istuwaart ''nama akka Ninoo waliin walbaruu kootti akkaan carra qabeessa ta'uun koon hubadhe,'' jedhe.

Gaarummaan Ninoo ''bakka bu'aa fi dorgomaa kan hin qabneedha'' jechuunis ibse.

"Waahillan koo kaan hojii akkanaa ni hojjetu jedhee hin yaadu. Waanti nama ajaayibummoo wanta kana salphistee ilaalaa turte. Nama addaa ta'uushee maaliin akkan ibsu hin beeku,'' jechuun jaje.

Qorataan Kalee biyya UK Professor Lornaa Maarsan, namoonni miseensa maatiisaaniif kalee gumaachuun waan baratameedha, garuu nama ormaa waahila hojii ta'eef gumaachuun waan hagas mara baratame miti jedhan.

UK keessatti waggaatti namoonni 100 caalan nama hin beekneef kalee ni gumaachu.