Turkiin himannaa ajjeechaa Jamaal Kaashogjii Sa'udii Arabiyaatti dabarsuun mufii uume

Gaazexeessaa Jamaal Kaashogjii bara 2018 ture qonsilaa Sa'udii Istaanbul jiru keessa haala sukaneessaan kan ajjeefame

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessaa Jamaal Kaashogjii bara 2018 ture qonsilaa Sa'udii Istaanbul jiru keessa haala sukaneessaan kan ajjeefame
Maxxanfame

Manni murtii Turkii lammiilee Sa'udii 26 ajjeechaa Jamaal Kaashogjin walqabatee himannaan irratti baname akka adda citu murteessuun isaa mufii uume.

Abbaan seeraa mana murtii Turkii dhimmi himatamtoota kanaa gara Sa'uudiitti akka darbu murteessaniiru.

Sa'udii Arabiyaan lammiilee ishee ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Kaashogjiin barbaadaman dabarsitee kennuu diddeetti.

Jaalalleen Kaashogjii murtee mana murtii kanaan gammachuu akka hin qabneefi ol iyyannoo aka gaafattu himte.

Kaashogjin gaazexaa Waashingitan Post jedhamuurratti kan barreessu yoo ta'u bulchiinsa mootii Sa'udii cimsee qeeqa.

Gaazexeessaan kuni bara 2018 qonsilaa Sa'udii magaalaa Turkii Istaanbul erga seene booda haala suukaneessaan ajjeefame.

Biyyoonni Lixaafi mootummaan Turkii ajjeechaa Kaashogjiirratti raawwateef kan itti gaafatamu namoota mootummaan Sa'udiin ergamanidha jedhaniiru.

Kana dura Pirezidantiin Turkii Reseeph Taayiph Erdohaan Kaashogjiin ''garee ajjeestota hamaan itti yaadamee'' ajjeefame jedhanii dubbatanii turan.

Dhaabbati basaasaa US, CIA jedhamu ilmi mootii Sa'udii Mohaammad Bin Salmaan gaazexeessichi qabamee gara Sa'udii akka dhufu yookiin akka ajjeefamu ajajaniiru jedhee ture.

Ilmi mootii Sa'udii garuu ajjeechaa Kaashogjii keessaa qooda hin qabu jechuun deebisaniiru.

Ajjeechaa gaazexeessichaa booda qeeqi guddaa kan irratti dhihaate Sa'udiin, ajjeechaa raawwateen kan himatteefi namoota maqaan isaanii hin dhahamne 8 bara 2019 balleessaa raawwatan jechuun itti murteetti.

Murteen mana murtii Turkii kuni kan dhagahame abbaan alangee himatamtoonni bakka hin jirretti dhimmicha ilaaluun lafarra ni harkisa jechuun ministeera haqaa Turkiif yaada dhiheessee erga fudhatama argate boodadha.

Abbaan alangee ajjeechaa gaazexeessaa ajjeefameen walqabatee namoota himannaa irratti baname Sa'udii Arabiyaan qorachuuf waadaa seenteetti jedheera.

Haata'u malee, murteen mana murtii kuni dhaabbilee mirga namomaan qeeqameera, mufiis uumeera.

Turkitti hoogganaan Aminasti Intarnaashinaal murteen kuni kan siyaasaati jedhan.

Ajjeechaa gaazexeessaa kanaan hariiroon isaanii badee kan ture Turkiifi Sa'udii Arabiyaan yeroo ammaa hariiroo isaanii haaromsaa jiru.