Falmii pireezidaantummaa Faransaay Maakrooniifi Le Pen

Imaanu'eel Maakroon, pireezidantii Faransaay

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Pireezidantiin Faransaay amma aangoorra jiran Imaanu'eel Maakroon filannoo marsaa duraa injifatanis filannoon marsaa lammataan morkattuu isaanii Mariyeen Le Pen irraa qormaatni eeggatuun salphaa akka hin taane himaniiru.

''Dogoggora homaa hin uumnu, Homtuu hin murteeffamne'' jechuun deeggartoota isaanii gammachuu ibsatanitti dubbatan.

Dhumarratti filannoo pireezidantummaa marsaa jalqabaa kan irra aanan ta'us marsaan lammataa garuu kan dorgommiin itti jabaatu ta'uu yaadni uummataa sassaabame ni akeeka.

Morkattuun Maakroon Le Pen kanneen deeggartoota Maakroon hin taane marti akka isheef sagalee kennan gaafachuun ''Faransaayiin daandii sirriitti deebifna''' jedhan.

Filannoo marsaa jalqabaan sgaleewwan kennaman keessaa dhibbeentaan 97 lakkaawwameera. Kanaanis Maakroon sagalee 27.35% yoo argatan, Marine Le Pen 23.97%, Jean-Luc Melenchon ammoo 21.7% injifatan.

Melenchon bara kana sagalee waggaa shan dura argatanii turan caala sagalee olaanaa kan argatan yeroo ta'u, hireen nama pireezidantii ta'u murteessuu isaanii(Kingmaker) olaanaadha.

''Sagalee tokkoyyuu Marine Le Pen'iif akka hin laanne'' jedhan dorgomaan kun deeggartoota isaaniin. Haata'uyyuu malee akka kaadhimamtoota kaanii kallattiinis Maakrooniif sagalee akka kennan hin dubbanne.

Deggartootni Mélenchon marsaa lammaffaarratti bahanii sagalee ni kennu yoo ta'e sagaleen isaanii kun filannoo kana irratti adda addummaa ni uuma.

Marine Le Pen

Madda suuraa, EPA

Filannoo pireezidantummaa Faransaay alanaa kana irratti kaadhimatootni 12 kan dorgaman yeroo ta'i sagalee irra hedduu kan argate kaadhimamtoota sadan kana. Kaadhimamtootni hafan saglan filannoo marsaa lammataarratti hirmaachuuf waan abdii qaban miti. Garuu ammoo yaada (tactical or "useful" voting) jedhamu fayyadamuun deeggartootni isaanii kaadhimamaa abdii qabuuf sagalee akka kennan gochuu danda'u.

Paartileen seenaa siyaasaa Faransaay keessa biyyattii bulchuun beekaman paartiin Rippaablikaaniifi Sooshaalist akka malee laafanii mul'achuun filannoon kun addatti yaadatama.

Paartileen lameen kun baasii duula filannoof baasan mootummaan akka bakka busuuf yoo xiqqaate sagalee 5% argachuu malanillee hin arganne. Paartilee sagalee %5 gad argataniif maallaqni kennamu €800,000 qofadha.

Filannoo marsaa alammataan Le Pen salphaatti carraa pireezidantii ta'uu Maakrooniif hin gadhiisan jedhu xiinxaltootni. Le Pen kaadhimamtoota filannoo marsaa duran sagalee dhibbeentaa torba (7%) argatan kan akka Eric Zemmour fi Nicolas Dupont-Aignan irraa abdii kaawwataniiru. Kaadhimamtootni kunis deegartootni isaanii marsaa lammataan Le Pen akka filatan dhaamaniiru.

bMaakroon gama isaaniin kenniinsi sagalee marsaa lammataa eegaluu dura hiriira deeggarsaa guddaafi haasaa TV karoorsaniru. Kaadhimamtootni kaanis deeggarsa kennaafii jiru.

Yaada uummataa sassaabaa jiruun Maakroon filannoo kana akka irra aanan tilmaamni jira.