'Mootummaan bokkaa roobse kan jedhu dogoggora'- Gorsaa Teeknooloojii MM Itoophiyaa

Duumessa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Tibbana mootummaan naannolee hongeen miidhamanii turaniif bokkaa roobse oduun jedhu erga miidiyaalee biyya keessaan gabaafamee booda dhimmi kun qabxii falmii ta'eera.

Keessattuu namoonni miidiyaa hawaasummaarratti wayita barreessan, mootummaan erga bokkaa roobsuu danda'ee, ''hanga lammiileen hongeen miidhaman kana eessa ture?'' jechuun komii kaasu.

Dhimma kanaa fi haala teeknooloojii rooba cimmisuun roobsuu- Cloud Seeding- jedhamurratti yaada BBC'f kan kennan Waajjira Ministira Muummeetti Gorsaan Teeknooloojii Obbo Yodahe Hayilasillaasee, akkaataan miidiyaan itti gabaasan sirrii miti jedhan.

Oggeessi kunis yaadni mootummaatu rooba roobsiise jedhu dogoggora ta'u himan.

Ji'a gannaa dursee yeroo kana waqtii arfaasaa keessa roobni darbee darbee roobuun waanuma baratamee fi eegamuudha kan jedhan qondaalli kun, ''nutiyyuu rooba arfaasaarratti hirkanneetti pirojektii kana kan hojjenne,'' jedhan.

''Jalqaba wanti hubatamuu qabu, duumessi mijataan yoo hin jiraanne teeknooloojiin kun ofiin duumessa uumee rooba roobsuu hin danda'u. Kan inni [teeknoolojiin kun] hojjetu duumessi roobaa wayita uumamuttidha. Kanaaf ammoo yeroon kun mijataadha.''

Shaakalliin kun kanarratti hundaa'ee gaggeeffama kan jedhan Obbo Yodahe, pirojektiin kun bara 2013 eegalee baranas kan itti fufedha jedhan.

''Bara 2013 sululawwan Kaaba biyyattiirratti hojjetame. Barana ammoo iddoowwan hongeen miidhaman irratti. Boorana-Liiban irraa hanga naannoo Somaalee-Afdar darbees ammoo Kibba keessaa Koonsoo keessatti yaalame. Kutaalee kibba Oromiyaa, naannolee Somaalee fi kibbatti bakkeewwan hongeen miidhamanitti shaakalaa jirra.''

Hojiin kun garuu iddoo gogiinsi jiru, bakka duumessa jiidhaa yookiin ammoo gonkumaa roobni hin jirretti waan yaadamu miti jedhan.

''Biyya biraattis teeknooloojii kana akkaataan itti fayyadaman, bakka duumessi roobaa mijataan jirutti. Wayita roobni uumamaan roobu teeknooloojii fayyadamuun qabiyyee roobaa dabaluudha [rain enhancement]. Rooba roobsina wanti jedhu, inni hojii waaqaati.''

Teeknooloojiin hagam bu'aa argamsiiseera kan jedhuyyuu adda baasuuf yeroonsaa ganaadha jedha Obbo Yodahe.

Shaakalliin teeknooloojii rooba gabbisuu kun xiyyaaraan qilleensa keessatti akkasumas ammoo lafarratti jenereetara dhaabuun hojjetamaa jiraachuus himan.

''Arsii Nageellee irraa eegalee gara kibba biyyattiitti kutaaleen jiran sulula tokko keessatti waan argamaniif, xiyyaaraan hojjetamaa ture.

Torbeewwan lamaan sadan darban roobni arfaasaa suuta suuta roobaa waan jiruuf isatti fayyadamuun qabiyyee roobaa gabbisuun hojjetamaa jira. Duumessa cimmisuuf [Cloud Seeding] guyyaatti xiyyaara saditu gara kutaalee kanneeniitti balali'a.''

Magaalota akka Nageellee Booranaa, Meeggaa, Jigjigaa, Qabribayyaah jedhaman keessatti jenereetarri duumessa dacheerraa cimmisu [Ground cloud generator] dhaabbachaa jiraachuu himan.

Kan naannoo Somaalee hojjetamee xumuramuu fi kan Booranaa ammoo torbee kana akka xumuramus eeran.

Horsiisee bulaa loon tiksaa jiru, Afamboo, Affaar

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us

Ibsa waa'ee suuraa, ''Rooba roobsina wanti jedhu, inni hojii waaqaati.''

Jenereetarri kun ogeeyyii raaga haala qilleensaa [meteorology] waliin ta'uun kan hojjtamuudha kan jedhan Obbo Yodahe, ''waqtii arfaasaa kana keessa qilleensi jiidha qabu kallattii kamirraa akka dhufu erga ogeeyyiin eeranii booda jenereetarri jiidhinsa kana gabbisuuf oolu achirra dhaabbata,'' jedhan.

Ejansii Metiyooroolojii Biyyaalessaa Itoophiyaatti Daarektarri raaga haala qilleensaafi akeekachiiftuu Aadde Caalii Dabalee, bokkaan tibbana Booranaa fi bakkeewwan hongeen miidhamanii turan birootti roobe hojii teeknooloojii duumessa cimmisuun walqabata malee, waan raagamee ture miti jedhan.

''Roobni kan jiru gara kaabaa, giddu-gala biyyaa fi Kibba Lixa biyyattiiti. Asitti duumessi roobaa akka jiru ni argina. Bakkeewwan hongeen miidhamanitti warra teeknooloojii duumessa cimmisuun [cloud seeding] roobsantu turan. Nuti achi hin dhaqne.''

Roobni tibbana kutaalee biyyattii garaagaraatti roobee ture amma hir'isaa dhufeera kan jedhan Aadde Caaliin, roobni arfaasaa kun akka rooba gannaa walitti fufee kan roobu miti jedhan.

Ammallee taanaan raagi jiru akka mul'isutti iddoowwan tokko tokkorraa duumessii fi darbees roobni jiraachuu waan danda'uuf, naannoleen rooba dhabanii yeroo dheeraaf turan bishaan cimmifachuu qabu jedhan.

Lafti rooba osoo hin argatin yeroo dheeraaf waan tureef roobni amma roobu, carraan balaa lolaa uumuusaa xiqqaadhas jedhan.