Siyaasaa fi Amantaa: Yaada duree amantaa Ortodoksii miidiyaa hawaasummaa irratti falmii kaase

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Yaadni paatiriyaarkiin mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas ajjeechaa tibbana Beenishaangul Gumuz keessatti raawwate ilaalchisuun kennan miidiyaa hawaasummaa irratti falmii kaaseera.

Dureen amantaa kun viidiyoo Jimaata darbe miidiyaa TMH (Tigrai Media House) jedhamu biyya alaa buufate irratti tamsa'een, ajjeechaa qaamoleen nageenyaa mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkal Aanaa Gubaatti dhalata Tigraay tokko irratti raawwatan balaaleffatan.

Torban dura viidiyoon wayita qaamolee nageenyaa dabalatee namoonni gareen ta'anii nama tokko osoo lubbuun jiruu abiddaan guban agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa ture, namoota hedduu dheekkamsiise.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa kana kan raawwate humnoota nageenyaa mootummaa ta'uu himee, ajjeechaan sukaneessaa namoonni nagaa itti gubaman dafee qoratamee itti gaafatamummaan akka jiraatu gaafateera.

Paatiriyaarkiin mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas ajjeechaa kana "gocha suukanneessaa fi baay'ee nama gaddisiisu" jechuun ibsan.

"Abbaa amantaaa saba tokkoo"

Yaadni paatiriyaarkichi tibbana ajjeechaa Beenishaangulitti raawwate ilaalchisun kennan kun namoota mana amantaa Ortodoksii keessatti dhageettii qabanirraa osoo hin hafiin balaaleffannaa irratti kaaseera.

Miidiyaa hawaasaa irratti namoonni hedduun abbaan amantaa kun yakkoota Itoophiyaa kutaalee gara garaa keessatti raawwataman biroo itti dhiisanii ajjeechaa dhalattoota Tigraay irratti raawwatame qofa balaaleffatan jechuun qeequ.

Gorsaa dhimmoota hawaasummaa MM Abiy Ahimad kan ta'an diyaaqon Daani'eel Kibrat gaaffifi deebii miidiyaa ESAT waliin dhimma kana irratti taasisaniin, abbaan amantaa ofii isaanii dhalataa Tigraay ta'an kun addatti uummata Tigraayiif loogu jechuun qeeqan.

Yakkoota naannoo Amaaraa mana amantaa Cinaa fi iddoowwan gara garaa akkasumas naannoo Affaar keessatti TPLFn raawwataman dubbachuufis ta'e dhagahuuf hayyamamoo miti jedhan diyaaqon Daani'eel.

"Abbaa amantii sabaafi sab-lammoota hundaa ta'uu dhiisanii abbaa amantaaa saba tokkoo, abbaa amantaa naannoo tokko qofaa ta'aniiru" jedhan.

"Akka paatiriyaarkii Itoophiyaatti miti kan of-ilaalan. Abbaa amantaa mana amantaaa hin jaalannee fi hin feene irratti muudamanidha," jechuunis ibsan.

Darbees yaadni isaan amma kennan kun wixinee-seeraa waraana Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee Ameerikaan qopheessiteef galtee akka ta'utti kan qindaa'edha, wanta isaan dubbatanis qaamolee Ameerikaa jirantu qindeessee kenneef jedhan.

Gocha isaanii kanaan "mootummaas tuttuqaa jiru, hordoftootaa fi phaaphaasota mana amantichaas dheekkamsiisaa jiru" jedhan diyaaqon Daani'eel.

Namootni kaan dureen amantaa kun hojii hafuuraa osoo hin taane siyaasaa hojjechaa jira jechuun kan qeeqan jiru.

Gama kaaniin namootni yaada paatiriyaarkichaa deeggaran, abbaan amantaa kun amma dura yakkoota iddoowwan gara garaatti raawwataman akkanuma balaaleffataa turan jechuun, yaadaa saba tokkoof loogu jedhu mormu.

Viidiyoo bara 2019 wayita paatiriyaarkichi badiiwwan iddoo biraatti raawwataman booyaa balaaleffatan agarsiisa jedhan kan maxxansanis jiru.

Gulaaltuu olaantuun duraanii Addis Standard Tsadaale Lammaa, abbaan amantaa kun ajjeechaawwan amma dura iddoowwan akka Gede'oo, Jijjigaa, Buraayyuu fi Wallaggatti raawwataman balaaleffataa turan jechuun tiwiitarii irratti barreessite.

"Yeroos manni amantichaa isaan waliin dhaabbatte, Sinoodoosiin ibsaa isaaniitti waliigale, miidiyaanis gabaasee dhageettii argatan ... amma garuu kophaa ta'an," jetti Tsadaalen.

Abuna Maatiyaas amma dura dhimma waraana Tigraay irratti "yaadnikoo ukkaamfameera" jedhanii turan.

Viidiyoo daqiiqaa 10 dheeratu baatilee kudhan dura jechuunis Caamsaa darbe miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifameen, hallii nageenyaa Oromiyaa fi Gambeellaa keessa jirus gaarii miti, addatti garuu Naannoo Tigraay keessatti wanti ta'aa jiru "gocha gara jabinaa hamaadha" jedhanii turan.

Yeroos Sinoodoosiin mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ibsa baaseen wanti paatiriyaarkichi jedhan mana amantichaa bakka hin bu'u jedhee ture.

Abuna Maatiyaas maal jedhan?

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa fi baatilee jahaa ol lakkoofsise keessatti uummata Tigraay irratti yakkoonni 'jiraachuu nama jibbisiisan' raawwatamuu kan himan dureen amantaa kun, "kan ammaa kun hunda caalaa hamaadha" jedhan.

"Waraanni Tigroota balleessuuf, lafarraa dhabamsiisuu eegalame amma guutuu Itoophiyaatti babal'atee jira" jedhan.

"Gochi sanyii balleessuu (Genocide) addunyaa irratti mul'atee hin beekne raawwatameera" jedhan Abuna Maatiyaas.

Akkaataa ajjeechaan kun itti raawwate yoo ibsan, "dhalattoonni Tigraay 12 mana hidhaa Gilgal Balas jedhamurraa gadhiifaman, kan ragaa bilisa ta'uu isaanii manni murtii kenneef qabatanii gara mana isaanii galaa turan karaa irratti qaamolee mootummaan dhaabsifamanii ajjeefaman" jedhan.

"Isaan keessaa miliquuf kan yaale, nama tokko iddoo dhokatee qabanii, jiraa osoo ijji isaa arguu ibiddaan guban" jedhan.

"Kun gara jabinaa fi jibba daangaa hin qabnedha" jechuunis ibsan.

Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa A.L.I Guraandhala 24, 2014 raawwate jedhe kanaaf ka'umsa kan ta'e haleellaa guyyaa tokko dura hidhattoonni raawwataniin humnoonni nageenyaa fi namooti nagaa walumatti yoo xiqqaate namoonni 20 ta'an ajjeefamu ta'uu ibsa.

Nama osoo lubbuun jiruu abiddaan gubame kana dabalatee dhalattoonni Tigraay lakkoofsaan 8 ta'an ajjeefamanii reeffi isaanii gubame haleellaa kanaan kan wal-qabatu akka ta'es ereera.