Namichi ‘isiniif kadhadheen qormaata sin dabarsa’ jechuun barattootarraa hate hidhaan adabame

Maxxanfame

Godina Shawaa lixaa aanaa Iluu Galaanitti namichi Maqaan isaa Dajanee Ittafaa jedhamu barattoota kutaa 11 fi 12 baratan ‘Waaqan isinii kadhadhee akka qorumsa darbitan isin godha’ jechuun erga goyyomsee booda hanna raawwateen hidhaan adabame.

Gurraandhala 1, bara 2014 mana barattoonni kireeffatanii jiraatan deemuudhaan ‘waaqa isinii kadhadha’ jechuun iddoo ijoolleen kun moobaayilaa fi birri isaanii kaa’atan erga adda baaseen booda hojii hannaa kana raawwate jedhan, Mana Murtii Aanaa Iluu Galaanitti Haati Alangaa Aadde Qatsalaa Taaddasaa.

“Ijoollee barattootaa kana goyyomsuudhaan Moobaayilii shanii fi birrii 550 erga jalaa hateen booda miliqe. Booda eeruu fi hordoffii poolisiin taasiseen guyyuma sana too’annoo jala oole” jedhan Aadde Qatsalaan.

Manni murti aanaa Iluu Galaan shakkamaa kanarratti himata ‘hanna raawwachuu’ banuudhaan himatamaan kunis himata iratti dhihaate kana dhadhacha banaa irratti amanuus himan.

Manni murtichaas dhadhacha gaafa 04/06/2014 ooleen shakkamaa maqaa qorumsa akka darbitaniif kadhannaan isinii godha jechuun erga goyyomseen booda yakka hanna moobaayilii fi birrii raawwate kana hidhaa salphaa waggaa 2 fi ji’a 3 itti murteesseera.

Qabeenyi hatamee ture harkaa fi harkatti waan qabameefis barattoota jalaa hatameef akka deebi’u manni murtii ajajuus Aadde Qatsalaan BBC’tti himaniiru.