Sareen baddee waggoota 12 turte Zooy jedhamu argame

Maxxanfame

Sareen baddee waggoota 12 turte qorannoo maayikiroochiippii ishee irra jiru irratti godhameen adda bahuun namoota ishee guddifatan waliin walargite.

Taateen kun Ameerikaa kutaa Kaalifoorniyaa keessatti raawwate.

Sareen Zooy jedhamtu baadiyaa keessatti konkolaataa tokko irraa gatamuun namni tokko argee poolisii waame. Sareen kun kan dulloomtee fi dhukkubsattu fakkaatti jechuun hime.

Qondaalli tajaajila bineeldotaa maayikiroochiippi saree kana irratti hidhameeru gaafa qoratu erga bara 2010 achi buuteen ishee kan dhabamte tahuu bare.

''Kuni yoomiyyuu taha jedhee hin eegne, baay'ee gammadeera,'' jette namni jalqaba saree kana guddifatte Misheel.

Zooy waggoota hedduuf waan baddee turteef kaampaaniin maayikiroochiippi bara 2015 keessa duuteetti jechuun maqaa ishee, waajjirri Kaawontii Yowaakiin hime.

Qondaalli poolisii Bireendaan Leeviin maayikiroochiippii saree kana irratti hidhame qorachuun isuma irraa haadha qabeenya saree kanaa eenyu kan jedhu galmee guutuu argate.

Waan gaariin ammoo dubartiin saree kana guddifatte lakkoofsa bilbilaa yeroo sareen kun badde qabachaa turte qabatti.

''Yeroo dhageessu hedduu naate'' jedhe. Sareen kun bakka bara 2010 baddee ture qe'ee namoota guddifatan Lafayatee irraa fageenya maayilii 60 fagaachuun argamte.

Miishel '' ishee fi lakkuu ishee yeroo umuriin isaanii ji'a jaha ture arganne. Ji'oota jaha kan tahaniif nu waliin jiraachaa turte.

Daqiiqaa 20 kan tahuuf gara mana kuusaa deemnee yoo deebinu ishee dhabne.''

''Deebisee argachuukoof baay'ee gammadeera. Deebisee fidee fayyisee umurii ishee hafe nu waliin akka jiraattu abdii qaba,'' jette Miisheel.