Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Hammeenya waraana waliinii Itoophiyaa dhokate
Ganna tokko oliif Itoophiyaan walwaraansa waliin raafamaa jirti. Haatahu malee lolli hammaataan kun ija miidiyaalee addunyaa jalaa dhokachuun kan adeemsifamu yoo tahu, mootummaan MM Abiy Ahimadin durfamu "looguun gabaasu" kanneen ittiin jedhaniirra dhorkaa kaa'eera.
Lolli humnoota mootummaa federaalaa fi finciltoota Tigraay gidduutti gaggeeffamu kuma dhibbaa kan lakka'aman beelaaf kan saaxile yoo tahu, hedduunis ajjeefamaniiru.
Gaazexeessituun BBC Kaatiriin Biyaaruhangaa bakka waraanni kun haalaan miidhe deemuun gabaasa kana midhaassiteetti.