Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa’imni waggaa lama dura badde kutaa dhoksaa keessatti lubbuun argamte
Ameerikaatti daa’imni bara 2019tti badde kutaa gulantaa manaa jala jiru keessatti lubbuun argamuu poolisiin Niiw Yoork hime.
Peezlii Shatiis yeroo ammaa umriin ishee ja’a yoo tahu, barbaacha gaafa Wiixataa taasifameen daa’imni kuni magaalaa Soogartiis jedhamutti argamteetti.
Yeroo ammaa fayyaa gaarii irra kan jirtu yoo tahu guddistoota seeraan filatamaniifi obbooleettiishee hangafaatti makamteetti jedhe poolisiin
Haatiifi abbaan guddisa mucaa kanaaf eeyyamani mana murtii jalaa fudhatame nageenya daa’imaa balaarra buusuufi guddistoota mucaa giddugaluun himatamaniiru.
Peezliin Niiw Yoorkitti, naannoo Tiyoogaa jedhamurraa yoo baddu daa’ima ganna afurii turte jedha ibsi poolisii.
Qondaalotni yeroos daa’imni haadhaafi abbaashee dhalootaa Kiimbarlii Kuuppar, nama waggaa 33 fi Kiirk Shatiis Juniyar nama ganna 33’n akka butamte turte amananii ture.
Peezliin magaalaa Soogartiis keessatti iddoo dhokataa keessatti kaa’amaa jirti, odeeffannoo jedhu argannaan poolisiin ajaja mana murtiin mannicha keessa sakatta’uu danda’e.
Kiirk Shatiis nama ganna 57 fi abbaa manichaa yeroo poolisiin mana sakatta’u daa’imni kuni eessaa akka jirtu akka hin beekne himee ture.
Barbaachi sa’atii tokko fudhate erga taasifameen booda, poolisiin qorataa tokko gulantaan manichaa gara kutaa gadi-aanaatti geessu haala hin baratamneen ijaaramuu arge.
Erga waan akka gabatee gulantaan suni irraa ijaarame kaaseen booda poolisiin Aadde Kuuppariifi daa’ima achi keessatti argate.
‘’ Kutichi dhiphaa, qorraa fi kan jidhiinsa qabu ture,’’ jedhe poolisiin.
Peezliin hakiimota gargaarsaan ilaalamtee fayyaa akka taate gabaafameera.
Haatiifi abbaan dhalootaa Peezlii otoo hin badiin dura dha mirgi guddisuu daa’ima kanaa kan jalaa fudhatame, sababiin daa’ima kana itti butanis kanuma tahuu malaa jedhe poolisiin.
‘’Haatiifi abbaan daa’ima isaanii guddisuuf seerri mirga jalaa akka fudhatame gaafa baran daa’ima butanii,’’ jedhe poolisiin olaaanaa Sogartiis, Joseef Sinaagraa.
Maatii dhalootaafi abbaan mana daa’imti keessatti argamtee akkasumas akaakayyuun ishee, achi buutee daa’imaa dhabamsiisuun to’annoo jala oolaniiru. Abbaafi ilmi immoo himannaa biraa adeemsarra jiru qabu.
Haati daa’imaa ajaja poolisiin mana hidhaa keessa turti jedhameera..
Poolisiin hordoffiin ammallee itti fufee akka jiruufi namoonni qabaman biroon jiraachuu malu jedhe.
Ameerikaatti yeroo baayyee ijoolleen badanii yeroo gabaabaa booda nagaan argamu, akka gabaasa Wiirtuu Biyyaalessaa Ijoollee Badaniifi Miidhamaniitti.
Yeroo maatiin ijoollee butu garuu hamma baatii 10tti otoo hin argamiin turuu danda’u.