Pirezidaanti Maakiroon qorannoo Covid-19 Raashiyaatti taasisuu didan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon pirezidaantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin waliin osoo wal hin argiin dura akka qorannoo Covid akka taasisaniif Raashiyaan gaafatamanii hayyamamoo akka hin turre Kiremliin mirkaneessite.
Qorannoon Covid fudhatama kan hin qabneefi sagantaa pirezidaantii Faransaay waliin hin deemne waan ta'eef hayyamamoo hin turre jechuu maddi Faransaay BBCtti himeera.
Pirezidaantii Maakroon warri Raashiyaa qaccee sanyii isaa fudhachuu danda'u sodaa jedhuun qorannoo Covid-19 taasisuuf hayyamamoo hin turre gabaasaaleen jedhan bahaa jiru.
Kana hordofees hoggantoonni lamaan walirraa hiiquun mari'ataniiru.
Marii kanarratti akka aanga'oonni kaan taasisan harka wal hin fune. Fageennyi jidduusaanii tures finjaala dheeriina meetira afur qabuu gamaa gamanaan fixxee lamaan irra ta'anii turan.
Taajjabdoonni kana arganis Pirezidaanti Puutiin ergaa dippilomaasii ittiin dabarfachuuf itti dhimma bahaniiru jedhu.
Haata'u malee maddeen dippilomaasii Faransaay Rooyitarsiitti akka himaniitti, pirezidaanti Maakroon Puutiin waliin walitti dhiyaatanii mari'achuuf filannoon qorannoo Covid-q9 taasisuu ykn fageenya qaamaa eeggachuun mari'achuu dhiyaateefii ture.
''Harka wal fuudhuun akka hin jirreefi minjaalli eeraan akka jiraatu hubatanneera. Haata'u malee warri Raashiyaa qaccee sanyii pirezidaantichaa akka fudhataniif hin fudhannu,'' jedha maddi tokko Rooyitarsiin.
Maddumti kun tajaajilli tika Raashiyaa qaccee sanyii Maakroon osoo argatee attamiin akka itti fayyadamu hin ibsine.
''Haala pirotokoolii fayyaa eeggateen qoratamanii osoo tuxuqaan qaamaa omtu hinjiraannee fageenysaanii eeggachuu marii akka taasisaniif ture kan gaafatame. Kun ammoo nuun fudhatama kan hin qabneefi haala karoora pirezidaantichaa waliinis kan hindeemne,'' jechuun ture maddi masaraa Elysée BBCtti kan hime.
Pirezidaanti Maakiroon qorannoo Covid-19 Raashiyaa taasisuuf hayyamamoo waan hin turreef fageenya eeguun marii'achu Kiremliin mirkaneessitee jirti.
Dubbi himaan Kireemiliin Diimiitirii Pesikov akka jedhaniitti, Raashiyaan ejjannoo Faransaay waan hubatteefuu maricha irratti dhiimmaa omaatu hin taasifne.
Maakiroon osoo Faransaayii hin bahiin dura qorannoo Covid-19 kan taasisaniifi doktarri isaanii Mooskootti qorannoo farra jiinii (antigen) taasisuufii maddi dippilomaatii Faransaayi Rooyitarsiitti himeera.












