Goolama Yuukireen: Baayidan lammiileen Ameerikaa Yuukireen gadhiisanii bahuu qabu jedhan

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden sodaa Raashiyaan yuukireen weeraruu dandeessi jedhu waan dabalaa dhufeef, lammiileen US Yuukireenitti hafan hundi hatattamaan gadhiisanii bahuu qabu jedhan.
Baayiden yoo Raashiyaan Yuukireen kan weerartu tahe lammiilee US baasuuf humna waraanaa akka hin ergine himan.
''Haalotni naannichaa ariitiin jijjiiramuu danda'u'' jechuunis akeekkachisan.
Raashiyaan loltoota ishee gara 100,000 tahan daangaa Yuukireen irratti bobbaastus Yuukireeniin weeraruuf karoota hin qbau jette.
Haa tahu malee biyyoota ollaa akka Beelaarus fa'aa waliin shaakala waraanaa jabaa gaggeessaa jirti. Yuukireen ammoo akkan hulaa galaanatti baasu hin arganneef Raashiyaan na danqite jechuun himatti.
Kireemiliin ollaan duraanii miseensa Sooviyeet [Yuukireen] akka miseensa Nato hin taane ''sararri diimaa'' jiraachuu qaba jetti.
Ministeerri Muummee UK Booris Joonsan Kamisa Awurooppaan bwaggoota kurnan keessatti rakkoo nageenyaa guddaaf saaxilamte iggest security crisis in decades jedhan.
Isteet Dippaartimantiin US lammiileen US akka ariitiin Yuukireen gadhiisanii bahan dabalee akeekkachiisera.
''Humna waraanaa adunyaa irraa baay'ee guddaa tahe waliin wal morkataa jirra. Haala baay'ee adda tahee fi ariitiin jijjiiramuu maludha.''
Caraan lammiilee US achii baasuuf loltoota ergitan ni jiraataa jedhamuun Baayiden gaafatamanii, ''lakki hin jiraatu'' jedhan.
Waraana adunyaa yeroo Ameerikaanotnii fi Raashiyaanotni wal haleeluu itti jalqabaniidha. Karaa mul'atee hin beekneen adunyaa adda taate keessa jirra.
Gaggeesitootni adunyaa muddamni kun gara waraanaatti akka hin galleef karaa dippilomaasii hiikuuf hojjechaa jiru.
Raashiyaa fi Yuukireen kamisa akka beeksisanitti marii qondaalotni Jarmanii fi Faransaay waliin walitti bu'insa Baha Yuukireen humna foxxoquu barbaadutti xumura gochuuf taa'an irratti akka wal hin taane beeksisan.
Muddamni amma Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti dhalate Raashiyaan Kireemiyaa erga ofitti dabaltee waggoota saddet booda dhagahame.
Raashiyaan finciltoota Yuukireen, Baha Donbaas keessatti foxxoquuf lolan deeggarti. Waraana bara 2014 eegalee ture kana keessatti lammiilee nagaa dabalatee namootni 14,000 tahan ajjeefamaniiru.
Waliigalteen Minisk jedhamu muddama amma jirutti xumura godha jedhamee amanamaa ture. Waliigalteen kana bara 2014-2015 Yuukireen, Raashiyaa, Faransaayii fi Jarman deeggaraniiru.













