Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaamni basaasaa Israa'el (Mossad) caasaa nageenyaa Iraan keessa seenuun shakkame
Sadaasa bara 2020 keessa Konkoolaataa saayintistii nikulaaraa Iraan Mohiseen Faakhrizaadah ittiin deemaa ture haleelamte.
Namni kunis rasaasaa qawwee fageenyarraa haala dandeettii namtolche (Artificial intelligence)n to'atamuun itti dhokafamuun ajjeeffame.
Nama imalarra ture namoota kaan irra adda baasuun haala akkasiitiin ajjeechaa raawwachuun dandeettii basaasaa cimaa gaafata.
Erga saayintisitichi ajjeeffameen booda ittigaafatamaan Tika Iraan Maahmuud Alaavii haleellaa walfakkaataan raawwatamuu akka danda'u akeekkachisa kannanii akka turan dubbatan.
Ajjeechaan sun osoo hinraawwatiin baatii lamaan dura, eddoo saayintistiin kun itti ajjeefametti haleellaan ta'e akka raawwatamu Mahaamud akeekkachisee ture.
Ittigaafatamaan tikaa kun akka jedhaniitti, haleellichii kan raawwatame ''miseensa waraanaa biyyattiin yoo ta'u, waajjirri tikaa biyyattii ammoo humna waraanaa keessa socha'uun tarkaanfii fudhachuu danda'a.''
Ittigaafatamaan kunis kallattiin dubbachu baatan illeen, harka jalaatiin ittigaafatamaa kan taasisan lootee galtoota keessa Qondaaltoota Waardiyyaa Warraaqsa Isilaamaa Iraan (Islam Revolution Guard Corps) jiru jedhaman ture.
Gareen kunis Iraan keessatti garee loltootaa baayyee kabajamoodha.
Ittigaafatamaa tikaa kun akka jedhaniitti, ajjeechaa saayintistii kanaatiif ittigaafatamaan nama miseensa garee kanaa yoo ta'e, namni sun sadarkaa hoggansa olaanaa garichaarra gahuunsaa hin oolu.
Namni kunis akeekkachiisa ittigaafatamaa tikaatiin keennameef osoo gurra hin kenniin haleellichi guyyaa, eddoo fi sa'aatii karoorfameetti akka raawwatamuuf daandii baneefiira.
Saayintistiin ajjeeffamee kunis miseensa Qondaaltoota Eegdoota Warraaqsa Islaamaa akka ture himama.
Haata'u malee motummaan tarree miseensa garee kanaa ummataaf ifa hin taasisu.
Maddi BBC mana hidhaa Erviin kan Teehraaniitti argamu tokko akka jedheetti, hoggantoonni olaanoon garichaa biyyoota biraatiif basaasuun shakkaman mana hidhaa buufamaniiru.
Garee kanatti oggeessi tikaa duraanii damee biyya alaa keessa hojjataa turan tokkoo BBCtti akka himaniitti, ambaasaadaroonni Iraan biyyoota hedduu keessatti argamaniifi miseensoota garichaa irratti ragaa walitti qabaniiru.
Odeeffannoon kun walitti dhufeenya dubartoota waliin qaban dabalata. Odeeffannoon walitti dhufeenya dubartoota waliin qaban ilaalchisuun walitti qabamu booda keessa lammiileen Iraan kunneen basaastoota biyya alaa waliin walta'insa akka qabaataniif dhiibbaan kan ittiin umamu ta'a.
Bara 2018tti Teehiraan irraa lafa fageenya KM 30 irratti argamtu qaxanaa industirii keessatti mankusaan tasuma namootaan weerarame.
Namoonni mankusaa kana cabsuun seenan hedduunis saanquwwan meeshaalee qaalii keessa tura furtusaanii cabsan. Yeroo sa'aatii torbaatiin gadi keessatti saanduqawwan 32 mankusichaa keessa turan keessaa furtuu 27 isaanii cabsan.
Achinis sanadoota iccitiiwwan niikulaaraa cimaa qabatan fudhachuun miliqan.
Saamichi kunis seenaa Iraan keessatti isa sukkaneessaa ta'ulleen motummaan Iraan waa'ee dhimmichaa baayyee dubbachu irraa of qusateera.
Sanadoonni sun erga hatamaniin baatiiwwan sadiin booda Israa'eel -Tel Aviiv biyya fageenya km 2,000 irratti argamtuutti argaman.
Ministirri Mummee Israa'el yeroo snaa Beenjaamiin Neetaanyaahu sanadoota hataman dowwachisan. ISaanis bu'aa oppareshinii Mossad akka ta'an ifatti dubbatan.
Aanga'oonni Iraan garuu sanadoonni soba ta'ufi mankuusaaleen Iraan akka hin saamamiin waakkatan.
Pirezidaantii Iraan duraanii Hasan Roohaanii Hagayya 2021 guyyaa dhuma aangoosaanii irratti, Israa'eel sanada niikulaaraa iraan saamuun pirezidaantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraampiitti akka agrsiifte amanan.
Neetaanyaahuun sanadoota Iraan kanneen bara 2018tti hataman yoo doowwachisaniitti, saayitistiin niikulaaraa Mohiseen Faakhrizaadah kanneen ijaarsa gabbisa niikulaaraa icciitiin gaggeessan keessaa mummee ta'u dubbatan.
''Dr Mohseen Faakhriizadah maqaa jedhu hin dagatiinaa,'' yoo jedhanis dhagahamanii turan Neetaanyaahuun.
Erga kana jedhaniin waggaa lamaan booda saayintistichi ajjeeffaman.
"Dhukaasi፣ hindubbatiin"
Waggoota 20n darbaniitti saayintistoonni niikulaaraa Iraan bebbeekamoon hedduun ajjeefamaniiru.
Warshaalee gabbisa nikulaaraa Iraan irrattis haleellaan iccitii hojiisaanii burjaajjeessuu irratti raawwatameera.
Iraan hanga ammaatti kanneen haleellaa raawwatan ykn mijjeessan to'achu hin dandeenye. Humnootiin nageenyaa ishees haleellicha dhaabsiisuu hin dandeenye.
Mahmuud Ahmaadinejaab bara 2021 dhuma aangoo pirezidaantummaa isaa irratti, ajajjoota IRGC, qondaaltoota tikaa fi qondaaltoota hoggansa amantaa Mossad'f salalluun shakkamuun hisiisuun himamee ture.
Garuu ammoo himannaawwan kunneen gonkumaa ifatti hin mirkannoofne.
Kanneen shakkamtoota jedhaman keessaa tokko hoggansa garee basaasaa Israa'el Iraan turan. Icciitiin himatamuun, duutii itti murtaa'ee adabaabaayiitti ajjeeffamaniiru.
Mahmuud bara darbe, Mossad ministeera tikaa isaanii keessa cabsee galuu amananii ture.
Itti dabaluunis namni basaastoota Israa'el to'achuu fi basaastoota Israa'el saaxila jedhame basaasaa Israa'el ta'e argameera jedhaniiru.
Israa'eel waa'ee sochii Mossad kanarratti yeroo baayyee deebii ifatti hin kennitu.
Janaraalli duraanii raayyaa Ittisa Israa'e fi qondaalli ministeera ittisaa duraanii amma soorama bahan Amoos Giilaad, Israa'eel waa'ee Mossad odeeffannoo kan hin kennine sababii waan qabduuf jedhu.
''Odeeffannoo ifa taasisuu nan morma. Dhokaasuun yoo barbaachise calliisanii dhokaasuudha!'' jedhan.
Itti dabaluunis, ''Mossad oppareeshiniiwwan ajaa'ibaa baayyeen hin himamneen beekama'' jedhan.
Aanga'oonni Iraan duraanii kutaa nageenyaafi tikaa Iraan kaasee hanga hoggansa olaanaatti caasaa diriirfataniiru jedhanii yaadda'u.
Ministirri Tikaa Iraan duraaniifi gorsaan Roohanii, Alii Yuuniisii gaaffiifi deebii kanaan dura taasiseen, ''caasaan Mossad Iraan keessaa qabu hanga haanga'oota olaanoo waan gahuuf, aanga'oonni Iraan hundinuu lubbuu fi nageenya isaaniif sodaachu qabu,'' jechuun akeekkachisa kennan.