Koongootti shiboon elektirikaa citee kufe namoota 26 galaafate

Dimokiraatik Rippabilik Koongoo bakka gabaa tokkotti shiboo (gamada) elektirikaa citee kufuun yoo xiqqaate namoonni 26 elektirikaan du'uu isaanii poolisiin ibse.
Bakka gabaa magaalaa guddoo biyyattii, Kinishaasaatti dhiyoo jirtu tokkotti shiboon elektirikaa manneeniifi namoota bakka gabaa jiran irratti kufe humna ibsaa guddoo kan dabarsu ture jedhameera.
Viidiyoowwan miidiyaa hawaasummaarra deddeeman garuu hin mirkanoofne akka agarsiisanitti reeffaafi qaamni namaa bishaanirratti kufanii mul'atu.
Shiboo humna ibsaa guddaa dabarsu kana sababa maaliin akka citee kufe ifa miti.
Poolisiin biyyattii akka jedhetti balaan hamaa kun kan qaqqabe magaalaa Kinishaasaa irraa xiqqoo baa'ee kan jiru Konyaa Mataadii-Kibaalaa jedhamu keessatti yoo ta'u, namoonni balaan irra gahe hunduu bakkuma sanatti akka lubbuun isaanii darbe beeksiseera.
Akka miidiyaaleen biyyaa keessaa gabaasanitti, namoota balaa qaqqabe kanaa lubbuu isaanii dhaban keessaa hedduu isaanii dubartoota gabaa keessatti daldalaa jiranidha.
"Bokkaa ganamaan roobee ture hordofee kan kufe shiboon elektirikaa kun namoota baayyee qabatee boolla bishaan roobaatiin guutame tokko keessatti kufuu isaatiin lubbuun isaanii darbeera," jechuun dubbi himaan hogganaa kutaa bulchiinsa Kinishaasaa Chaarlis Mibutamuunetuu AFPtti himeera.
Dubbi himaan kun itti dabaluun akka jedhetti, reeffi namoota du'anii gara hospitaalaa kan geeffame yoo ta'u balaa qaqqabe kanaaf ka'umsi maal akka ta'e baruudhaaf qoratamaa jira.
Daldalaan gabaa sana keessa hojjetu akka dubbatetti, yeroo bokkaan roobutti bakki sun bishaan kan guutu yoo ta'u, namoonni bitanii gurguratan ammoo bishaanuma keessa deemanii walirraa bitanii gurguratu.














