Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Faatis Timboo: 'Ani nama abaaramtuudha jedheen yaadaa ture'
Faatis Timboo komeediyanii ganna 25ti, moodelii Tiktokii gubbaatti hordoftoota miliyoona lamaa ol horatte. Timboon faana afur ykn meetira 1.21 dheeratti.
Dinkii ta’uu isheeerraan kan ka’e qoccollaatu irra gaha ture. Taatullee Timboo qoccollaafi tasgabbii dhabiinsa milka’ina ishee dhorkan ture injifattetti.
‘’Yeroo dheeraaf ani nama abaraamedha jedheeen yaada ture,’’ jechuun BBC tti himte.
‘’Wayitan umriin koo kanarra ijoollee ture gara bakkeetti baha ture, namni ta’e wayi na ilaallaan na gaddisiisa,’’ jette.
Yeroon suuqii ykn dukkaana dhaqullee ’’namoonni na ilaalu, natti kolfu, kaan natti qoosu,’’ jette.
Faatis miidiyaalee hawaasummaarratti qoosaa fi haala jireenya isheerratti maxxansa erga qoodaa turte booda garuu ofitti amanummaa gonfatte.
‘’Toora gubbaa namoonni kutannoo hangamii akkan qabuu hubachuu fi qabiyyeen ani qoodutti bohaaruun isaanii garaagarummaa akkan uumu na taasiseera,’’ jette.
‘’Haala hamaa keessa darbuun koo fi namoonni na qoccoluun keessa darbuun sababa qaba jedheen yaade. Garaagarummaan suni akka jabaattee falmattu si taasisa’’ jetti.
‘Nama jedhamee waamu fedha’
Faatis dinkummaa ykn qonxolummaa waliin dhalatte. Taatullee ‘’namoota gabaaboo’’ jedhamtee waamamuu feeti.
‘’Dinkummaa ykn qonxolummaan jecha gama wal’aansa fayyaati jedhamudha, garuu ani dinkii jedhamuu hin jaaladhu. Sababni isammoo nama jedhamee waamamuun fedha,’’ jette.
''Dinkummaan uumama himamsaa qofaan beekamu wayi na fakkeesse,’’ jette itti dabaluun.
Duraan namoonni isheetti dhiyaatan akka qaama ishee ajaa’ibsifatanii fi fedha saalqunnamtiif barbaadan dubbatti.
‘’Xiqqeenya waan qabduuf jecha nama ni argatta, uumama addaa wayii itti fakkaatta waan ta’eefi.
‘’Sababni isaa naaf hin galu jaalallee dhiiraa hin qabu- ykn immoo muuxannoo hiriyaa baafadhe hinqabu’’ jette.
Faatisi yaada namootni warreen gaggabaaboorratti qaban barsiisuudhaan ‘’geddareen jira’’ jettee yaaddi.
Miidiyaa hawaasummaarratti beekamtii kan horatte Faatis erga bara 2018 miidiyaa Channel 4' irratti dhiyaattee booda inistaagiraamii gubbaatti illee hordoftoota 240,000 horatteetti.
‘’Amma toora kana qabaachu kootti gammadeera’’ jette.
‘’Waanin fedhu akkan hojjachu na barsiiseera. Miidhamni natti hin dhaga’amu‘’ jette.
Faatis dhaabbilee miidhaginaafi haala jiruurratti hojjatan waliin ta’uun qabiyyee bashannaa ofii ishee hojjatti.
‘’Akkaataa waantonni fuulduratti tarkaanfataa jiraniin irraa ka’uun dhaabbileen kunneen namootaaf bakka buusan geeddaruuf yaalaa jiru‘’ jette.
Dhaabbileen kunneen bakka bu’uummaa isheef kennuutti gammaduus himteetti.
‘’Dargaggoota akka kootii gurraachoota fi miidhama qaamaa qabaniif tarii abdiin ta’a,’’ jette Faatis.