Ayyaana Cuuphaa: Walitti bu’iinsa qarqara Finfinnee hordoftootaafi humnoota nageenyaa gidduu uumameen lubbuun darbe

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Walitti bu'iinsa Kabaja Ayyaana Cuuphaa irratti qarqara Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Buraayyu daangessutti mudateen lubbuun namootaa darbuu kanneen ijaan argan BBC'tti himan.

Taateen kunis walitti bu'iinsa Guyyaa Kamisaa ALI Amajjii 12, 2014 hordoftoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Taabota Maaramii Waybalaa gaggeessuuf bahaniifi humnoota nageenyaa gidduutti dhalateen mudate.

Sagantaa kana irratti hordoftonni amantichaa BBC'n dubbiseefi ijaan argan waldhibdeen kun itti fayyadama alaabaa walqabateen mudate jedhan.

Viidiyoon taate kana mul'isaniifi miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaman irratti konkolaataan poolisii sibiila uffate akkasumas namoonni dhukaasa dhagahanii yoo fiigan mul'ata.

Akka hordoftoonni jedhanitti humnoonni nageenyaa dhukaasaafi gaazii imimmaanessuu dhukaasuu isaanii hordofee yoo xiqqaate lubbuun namoota lamaa darbuu akka hin oolle BBC'tti himaniiru.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa gaafa Jimaataa baaseen Itoophiyaa guutuutti ayyaanichi haala nagaan kabajamuus dhihoo magaalaa Finfinneetti garuu rakkoon uumamuu mirkaneesseera.

''Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoofi Buraayyuu walitti fiduurratti naannoo Bataskaana Waybalaatti rakkoo uumameen kabajii ayyaanaa jeeqamuufi lubbuu namaarratti duuniifi miidhaan cimaa gahuu beekameera,'' jedheera.

Mootummaan Federaalaa taatee kanaan ''guddaa gadduu'' ibsuun waan raawwate qoratee qaamoleen badii raawwateef gaafatamoo ta'an seeraaf dhiheessa jedheera.

Ibsi mootummaa lakkoofsa namoota du'aniifi sababa walitti bu'iinsaaf ka'umsa ta'eerratti waan dubbate hin qabu.

Ayyaanni Cuuphaa cuuphamuu Gooftaa Iyyasus Kiristoos yaadachuuf hordoftoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa akkasumas biyyoota addunyaa birootti kabajama.

Miidhaa qaqqabeerratti odeeffannoo dabalataa argachuuf yaalii BBC'n poolisiifi hospitaala irraa odeeffachuuf taasise hin milkoofne.

Poolisin Magaalaa Buraayyuu dhimma raawwate BBC'tti dubbatuuf erga beellama qabatanii booda bilbila kaasuu didan.

Hambaalee Itoophiyaan UNESCO'tti galmeessifte keessaa tokko Ayyaan Cuuphaadha.

Itoophiyaa keessatti dhimmoota waldhabsiisaa ta'aniifi madda walitti bu'iinsaa ta'an keessaa tokko itti fayyadama alaabaati.

Maaltu ta'e?

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Lallabaan Bataskaana Gadaama Iyyasuus Barsiisaa Issubaalaw Taabota Maaramii Waybalaa gara bataskaanatti yoo deebisuuf jedhan dargaggootaafi humnoota nageenyaan hin dabartan jedhamanii dhorkamuu isaanii BBC'tti himan.

''Guyyaa kaleessaa Taabotonni bakka bulaniiti gara bataskaanatti yeroo deebi'an bakkee Bul/Mag Finfinneefi Oromiyaa biratti humnoonni nageenyaa mootummaafi dargaggoon ulee qabatan waliin ta'un hindabartan jedhanii muddamni dhalate.''

''Maali jennee yoo gaafannu alaabaa uffatanii darbuu hin dandeessani jedhamne,'' jedhan.

Barsiisaa Issubaalaw humnoonni nageenyaa qawweefi imimmaanessituu waan dhukaasaniif lubbuun namaa darbuurra kan darbe hedduun miidhaa salphaafi cimaaf saaxilamu dubbatu.

Tajaajiltuun Mana Barnootaa Sambataa Gadaama Iyyasuus kan taateefi bakka rakkoon dhalate kan turte Shamarree Nigist Getaachaw walitti bu'iinsa booda kanneen rasaasaan miidhaman hordoftoota amantichaa fuuldurarra turan ta'u himte.

Haala guyyaa Kamisa ALI Amajjii bultii 12, 2014 ture wayita ibsitu waaree booda gara sa'aatii 11 Taabota gara bataskaanatti osoo deebisaa jiranii bakkee Yashii Dabalee jedhamee beekamutti 'hin dabartan' jedhamuu dubbatti.

''Bar-dheengaddaas darbuu hin dandeessan jedhamnee turre. Maaltu akka uumame akka qulqulleessan qindeessitoonni ergaman,'' jechuun BBC'tti himte.

Eegasii qaamoleen hin dabartan jechuun himataman kanneen Taabota gaggeessaa jiran akka darban kanneen uffata magariisa, keelloofi diimaa qabu uffatan garuu akka hin dabarre dubbatan jechuun himti.

''Namoonni hedduu uffata magariisa, keelloofi diimaa ofirraa qabu, qoloo, tishartii uffataniiru. Isaan immoo filannee galchina jedhan.

''Qindeessitoonni kanatti wal hin galle. Dubbii kana booda imimmaaneessituun dhukaasamuu eegale. Kanneen kufaniifi irra eejjetame jiru,'' jechuun haala ture dubbatti.

Hanga yoonaa namni meeqa akka miidhame baruu hin dandeenye kan jettu Tigist, ''Tajaajiltonni bilbilli isaanii hin hojjenne, eessa akka jiran hin beekne jiru,'' jetti.

Barsiisaa Issubaalaw gama isaaniin itti fayyadama alaabaa waliin walqabatee waggoota sadan darban wantoonni walfakkaataa mudataa akka turan himu.

''Kan anillee beeku kuni yeroo sadaffaafi. Dhimmicharratti qondaaltota naannawichaa waliin mari'achuuf yeroo yaalamu 'gubbaati ajajamne' deebii jedhu kennu,'' jechuun himu.

''Biyya keenyatti akka lammii lammaffaa lakkaa'amne 'asiin hin dabartu, asiin hin galtu' jedhamuun baay'ee nama gaddisiisa'' jechuun gadduu isaanii ibsu.

Qaami mootummaa dhimmichi isa ilaallatu waan raawwate qoratee akka ummataaf beeksisu gaafataniiru.

Har'a akkamiin kabajame?

Hookkara guyyaa Kamisaa mudateen Taabotni Maaramii Waybilaa Bataskaanatti deebisuun waan dadhabameef Bataskaana Madaalaanamii Qaraaniyoo akka turu taasifamuun ibsameera.

Guyyaa har'aa garuu hordoftoonni mana amantichaa bakka argamanitti sagantaan sirnaan raawwachuu BBC'n odeeffateera.

''Guyyaa kaleessaa hin dabartan bakka jedhamne Yashii Dabalee dabarreerra. Hunduu nagaadha,'' jechuun Nigist guyyaa keessa BBC'tti himte. Barsiisaa Issubaalewis yaada walfakkaataa kennan.