Haala kana dura hinbaramneen Keeniyaatti arbi lakkuu dhalte

Maxxanfame

Paarkii biyyaaleessaa Kaaba Keenyaa keessatti haala kana dura hin baramneen arbi torban kana keessa lakkuu dhalte.

Arbi kormaafi dhaltuu waliin ilmooleen reefuu dhalatan yeroo jalqabaatif kan argaman turistotaani. Kunis, dahoo Saamburuu keessattidha.

Dhaabbanni biyya keessaa arba irratti hojjatuufi 'Charity Save the Elephants' jedhamu tokkos taateen kun yoo mudatu kan yeroo lammataaf jedheera.

Dhaabbatichi, carraan arbi lakkuu dhaluu parsantaa tokko qofaa ta'uu eeruun, taatee akkasii kunis yeroo dhumaatif kan galmaa'e waggaa 15 dura bara 2006'tti ta'u ibseera.

Hundeessaan dhaabbatichaa Dr Iyaan Daagilaas Haamiiltan madda oduu Rooyitarsiitti akka himaniitti, arbi lakkuun kana dura dhalatan lubbuun turuu hin dandeenye.

Kanneen amma dhalatan kunneenis yeroo murteessaa lubbuun turuuf isaan dandeessisu irratti argamu jedhan.

Yeroo baayyee haati arbaa aannan ijoollee ishee lamaan gahu hinqabaattu kan jedhan Dr Daagilaas namoonni hundinuu arbi ''lubbuun akka jiraataniif hawwaa turan'' jedhan.

Arbi Afrikaa bineensota daggalaa kamuu caalaa yeroo dheeraaf ilmoo isaanii garaatti baatu. Arbi tokko baatiiwwan 22'f kan garaatti baattu yoo ta'u waggaa afur afuriitti dhalu.

Sababii daldala ilkaan isaanitiifi miidhama naannootiin walqabatee arbi akka Waldaa Eegumsa Bineensota Daggalaa Addunyaa kanneen sanyiinsaanii baduuf jiru keessa akka galfaman taasifameera.

Haata'u malee, faallaa kanaa Keeniyaa keessatti baay'inni arbaa dhiheenya keessa dabalaa jiraachuu gabaasni lakkoofsa bineensota daggalaa biyyattii bara darbe bahee mul'iseera.