Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi onneen booyyee galfameef 1988 keessa albeen nama waraanee ture
Namichi adunyaa irratti yeroo jalqabaaf tajaajila baqaqsanii yaaluun onneen booyyeef galfameef yeroo tokko namicha tokko albeen si'a torba waraanuun akka inni laamsha'u taasiseera, jechuuun maatiin miidhamtootaa himan.
Deevid Beenet 57, bara 1988 keessa nama Edwaardi Shuumaker jedhamu waraanuun himanni irratti banamee akka ture obboleettiin miidhamaa kanaa Radio 4 Todaaytti himeteetti.
Leeslii Shumaker Doownii obboleessi ishee waggoota kurnanii oliif rakkoo yaalaa miidhama irra gahe irraa kan ka'e bara 2007 du'aan boqate jette.
Beenet nama tajaajilli baqasanii yaaluu jalqabaa akkasii argachuun hin malleef ture jette.
Gareen yaala kana kenneef garuu rikardiin yakkaa namani tokko kanaan dura qabu akka yaalii hin kennineef waan nu godhu miti jedhan.
Haleellaa inni dhaqqabsiise bara 1988 yeroo haati manaa isaa gudeeda dargaggoo Shumaker nama ganna 22 tahe irra osoo teessuu arge akka tahe Leesliin himteetti.
Inaaffaa gguddaa irraa kan ka'e Beeneet dargaggoo kan ture Shuumaker si'a torba dugda isaa keessa waraane.
Kana irraa kan ka'es Beeneet meeshaa dhokataa sagalee hin qabne qabate jedhamee himatamuun hidhaa waggaa 10 irratti murame.
Leesliin waa'ee Deevid Benet tajaajila baqaqsanii yaaluu argachuu ilaalchisee namni tokko iyyuu ana hin qunnamne jette.
Oduu kana yeroo intalli ishee ergaa gabaabaa barreesituuf akka dhageesse himte.
Intalli koo lammataas yeruma sana ergaa gabaabaa naaf barreesite. Aayyoo, namni kun isa eessumakoo Ed waraanedha. Oduu kana dubbiseen aare, onneetu galfameef,'' jettee akka barresiteef himte.
Beeneet tajaajila yaalii sa'a torba fudhateen kanaan booda bayyaannachaa jira.
Onnee biraa galchuufiin carraa tokkittii isa du'a oolchuuf jiru ture. Garuu ammas yeroo hammamiif akka jiraachuu danda'u waan beekamu hin qabu.
Tahus Leesliin namicha kanaaf kun hin maluuf ture jette.
''Beeneetiin dubbii ijoo tibbanaa taasisan, akka gootaa fi nama jalqabaa adunyaatti isa agarsiisan. Garuu inni waanuma akkasiiyyuu miti,'' jette.
Beeneet oso hin taane hakiimonni tajaajilicha kennan hunduu alata argachu qabu jedheen yaada,'' jette.
Obboleessikoo miidhaa irraan gaheef waggoota 19f rakkatee, maatiin koo hunduu waliin rakkate,'' jette Leeslii Doownii.
Hakiimonni ammoo kun dirqama hospitaala ykn buufata fayyaati. Nama tajaajilicha barbaadee dhufe akkaataa dhukkuba isaan tajaajila lubbuu oolchuu kennuun dirqama isaaniiti,'' jedhe qondaalotni Gidduugala Medikaalaa Yuunvarsiitii Meeriilaandi.