Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantiin Paarlaamaa Awurooppaa David Sassoli boqotan
Pireezidantiin Paarlaamaa Awurooppaa David Sassoli umriisaanii waggaa 65tti addunyaa kanarraa du'aan boqochuu dubbi himaan isaanii ibse.
David Sassoli erga dandeettiin madinummaan qaamasaanii akkaan dadhabee booda ji'a darbe keessa Italiitti hospitaala seenan.
Gaazexeessaa fi qondaalli siyaasaa centre-left-duraanii biyya Italii kun erga torbee lamaaf akkaan dhukkubsatanii booda hojii isaanii hunda dhaabanii turan.
Dubbi himaan isaanii Roberto Cuilo qondaalli kun Kibxata ganama hospitaala Aviano, Italii keessatti du'uu ibsan.
Qondaalli kun Fulbaana darbes dhibeen daranyoo sombaa itti hammaannaan hospitaala Strasbourg seenanii yaalamanii erga fooyya'anii booda Sadaasa keessa hojiisanii itti fufanii turan.
David Sassoli deebi'anii bakkicharratti hojjechuuf wayita abdii kutatan, bakka isaanii nama filachuun ji'a kana keessa karoorfamee jira.
Duraan oduu-dubbisaa kan turan qondaalli siyaasaa kun, bara 2019 ture, pireezidantii ta'anii paarlaamaa Awurooppaa teessoo 705 qabu hoogganuu kan jalqaban.
Kaadhimamtoota waliin dorgoman sadi mo'achuun pireezidantii kan ta'an David Sassoli, haasawa isaanii jalqabaatiin daandii tokkummaa, walqixxummaa fi nageenyaa abbootiin keenya eegalanirratti yaa deebinu jechuun dhaaman.
David Sassoli hojii gaazexeessummaa dhiisuun siyaasatti makamanii paarlaamaa Awurooppaa kan seenan bara 2009 ture.