Baankiin yuuroo miil. 130 dogoggoraan maamilootaaf hire akka deebisan gaafate

Santander

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman guyyaa ayyaana gannoo (kiriismaasii) carraa isaan mudateen guddoo gammadan. Madda gammachuu kanaa kan isaanii ta'e ammoo maallaqa baankiin Santander jedhamu dogoggoraan hireefidha.

Baankichi Sambata darbe maamilootasaa kuma 75 ta'aniif yuuroo miiliyoona 130 hireef.

Yeroo ammaa hojjettoonni baankichaa maallaqa dogoggoraan qoodame kana deebisiisuuf kufanii ka'aa jiru.

Baankichi maallaqa kan kaffale akkaawuntiiwwan kan baankichaa hin taanetti ta'uun ammoo dhimmicha daran hammeesseera jechuun Taayimsi gabaaseera.

Dogoggorri kan irraa madde, baankichi akkaawuntiiwwan daldalaa 2000f yeroo lama kaffaltii raawwachuu irraati.

"Dogoggora uumameef dhiifama gaafanna. Osoo hun hubatin maallaqa maamiloota keenyaa akkaawuntii dogoggoraa irratti galchine,'' jechuun baankichi ibseera.

Baankiiwwan UK keessatti argaman biroo waliin ta'uun maallaqa dogoggoraan facaase walitti qabuuf akka hojjatu baankiin kun ibseera.

Gabaasaaleen bahaa jiran akka mul'isanitti, maamiloonni tokko tokko mindeessitoota isaaniirraa yeroo maallaqa harka lama caalu argataniiru.

Haata'u malee kaffaltiin dabalataa kan isaan ga'e karaa baankii mindaan isaaniif kaffalamaafii tureen osoo hintaane karaa Baankii Santander jedhamuun ta'uu hubatan.

Hoogganaan Faayinaansii baankichaa sababa dogoggora uumamee kanaan hojjettoonni baankichaa ayyaana qillee sirnaan osoo hin kabajin hafaniiru jedhan.

"Guyyaa ayyaanaa bitaa natti galee ture. Maallaqa kuma dhibbaan lakkaa'amu baasee bittimseera jedheen of yaade. Hojii koo dhabuurra darbee rakkoo biraa keessa akkan hin gallen sodaadhe,'' jechuun BBC'tti hime.

Kaffaltiin lammataa akkamiin akka dogoggorame ibsinus baankichi garuu maallaqicha haala kanaan deebisna kan jedhu nutti hin himne jedha namni kun.

"Wanti hunduu wal laaqeera. Akkamiin maallaqicha deebisanii akka walitti qaban hin beek,'' jedha.

Baankiin kun baankiiwwan biroo waliin hojjechuun maallaqicha akka deebisiisu hima.

Taayimsi akka gabaasetti baankiiwwan kunneen Barclays, Barclays, HSBC, NatWest, Co-operative Bank fi Virgin Money kan jedhamaniidha..

Baankiin Santander baankiiwwan eeraman kunneen maallaqa dogoggoraan maamiloota baankiisaaniif gale walitti qabanii naaf deebisu jedhee abdata.

Haata'u malee guyyaan guyyaa ayyaanaa ta'uurraan kan ka'e namoonni maallaqa hirameef baasanii itti fayyadamaniiru yoo ta'e maallaqi akkamiin deebi'a kan jedhu gaafii ijoo ta'eera.

Baankichi namoota maallaqa itti roobsuun gammachuudhaan macheesse kunneen bira bilbilee ''adaraa maallaqa dogoggoraan isiniif gale naaf deebisaa'' jedhee kadhachaa jira.