Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataan kubbaa miillaa nama saree isaa bade argateef paawondii kuma 22 akka kaffalu ajajame
Taphataan sarara duraa duraanii Liivarpuul Daani’eel Istaariij, namicha saree isaa bade argateef paawondii kuma 22,400 (doolara 30,000) akka kaffaluuf ajajame.
Taphataan kubbaa miilaa, kan amma Awustiraaliyaa keessatti taphatu, sareen isaa Luchi jedhamu bara 2019’tti mana isaa Los Anjelis jiru keessaa hatame jechuun, nama argateef badhaasa kennuuf waadaa seenee ture.
Fostar Waashingitan, raapparii maqaa masoo Killa Fame jedhuun beekamu, saree Daani’eel Istaariij argatee kennus badhaasi waadaa seename ture hin kaffalamneefi.
Manni murtii Loos Anjeelis maallaqichi akka Obbo Waashingitaaniif akka kaffalamuuf murteesse.
Ragaan mana murtii, miidiyaa PA News’n gabaasame akka mul’isutti, Istaariij komii dhiyaateef deebii dhiyaateef deebii hin kennine ture.
Abbaan murtiii Kurtis Kiin, taphaataan kubbaa miilaa kun Obbo Waashigtaniif adabbiin doolara kuma 30 akka kaffaluufi baasiif doolara 85 akka kaffaluuf murteesseera.
Raapperiin kun akka PA’tti himetti, Istaariij akka “isa gaddisiiseetti” akka itti dhagaa’ame dubbateera.
“Baayyeen gammade, dhimma kana irratti wagga tokko oliif falmaa tureera. Dhumuu isaa hin ammanne. Yeroon sareecha argadhe jireenyikoo ni foyya’a jedheen yaadee ture.”
Daani’eel Istaarij, ganna 32, kan gartuu liigii Awustiraaliyaa, Peerzi Giloorii jedhamuuf taphatu, bara 2019’tti yeroo sareen isaa Luchii bade viidiyoo namootni sadii yeroo mana isaa West Hooliwood keessa ture seenan agarsiisu miidiyaa hawaassummaa irratti maxxansee ture.
“Saree kanaaf hanga barbaachise ni kaffala. Nama sareekoo na arge kamiifuu doolara kuma 20, kuma 30 nana kaffala jedha.”
Erga Obbo Waashingita fuula Tiwiitaraa isaa irratti “kun Luchiidhaa?” jechuun suuraa maxxansee booda, taphataan kubbaa miilllaa kun guyyaa lama booda saree isaa argate.
Erga sareen isaa deebifamee booda, Istaarij namoota “akka sareen isaa argamuuf gargaarsan” galateeffachun dubbarus garuu maallaqa badhaasaa waadaa seenee ture kaffaluu isaa irratti homaa hin jenne.
Bakka buutoonni taphaataa kanaa erga murteen kun kenname booda yaada akka kennaniif gaafatamanis deebii kennuuf ammatti hin argamne.