Dhaabbanni maallaqa bulchu kaampanii ijaarsaa Chaayinaa jalaa doolara mil. 313 fudhate bade

Hojii ijaarsaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Dhabbati yeroo tokko dhabbata ijaarsa guddicha Chaayinaa ta'uun beekamu, dhaabbata biraa bakka isaa bu'ee maallaqa invest godhuun doolaara miiliyoona 313 ta'uu saamamuu hime.

Dhabbati 'China Fortune Land Development' jedhamu akka jedhutti, dhabbati biraa 'China Create Capital' jedhamu maallaqa kana bakka isaa bu’ee invasti gochuu qaba ture.

Dhabatti maallaqni jalaa hatame dhimmicha poolisii Beejiingitti gabaasuu isaa investarootatti himeera.

Bara 2018’tti bakka bu’aan Fortune Land dhaabbata Wingskengo Ltd jedhamu waliiin, tajaajila hoggansa invastimantii akka dhiyeessuuf waliigaltee mallatteessuu isaa, ragaan torbe kana bahe ni mul'isa.

Ragaan kun akka agarsiisutti dhaabbata Wingskengo jedhamu kanaan akka qajeelfamuun Fortune Land, doolara miiliyoona 313 dhabbata China Create Capital jedhamu sanaaf dabarseera.

Chaina Create Capital odolawwan 'British Virgin Islands'tti galmaa'ee kan jiru yoo ta'u silaa maallaqa kana bakka Fortune Land bu'ee inveest godhuu qaba ture.

Fortune Land hanga xumura waliigalticha bara 2022’tti invastimantiin kun waggaatti galii %7 hanga %10 ta’uu ni uuma jedhe akka eege ture hima.

Ta’us garuu amma Fortune land, dhabbata Create Capital jedhamu kana qunnamuu hin dandeenye jedhe. Maallaqni isaa eessa akka jirus waan beeku hin qabu.

Maallaqi bade kun galii ammaa fi egeree isaa irratti miidhaa akkamii uumuu akka danda’u “madaluun hin danda’amu” jechuun himeera.

Akkuma dhabbilee ijaarsaa Chaayinaa gurguddoo kamuu, sababa rakkoo liqii industiricha keessatti uumameen, galiin Fortune land’s hir’iseera.

Ta’us garuu, Fortune Land akka jedhutti jalqaba ji’a kanaatti gartuun maallaqa liqeessan mala ittiin liqii isaa sirreessu raggaasisaniifi jiru.

Walii galteen kun dhaabbata liqiin rakkatee jiru kanaaf mala kan dhiyeessedha.