Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa konkolaataa Meeksiikoo: 'Fageenya meetira 50 irrattiin of arge'
Emarsan jalqabarratti waan nagaa jiruu itti fakkaatee ture. Haata'u malee sa'aatiin booda, mormasaarratti, ciinaacha fi garaa isaarratti dhukkuubbiin itti dhagahamuu eegale.
Fannoon diimaanis waajjirasaanii xiqqootti kan magaalaa bulchiinsichaa taate Tuksitilaa Gutireeziitti geesseen. Achinisi wallaansa taasisaniif.
Amma mormasaatiif gargaartuu hidhaniif.
''Namoota mataansaanii rukutamuun garmalee dhiigaa turan argeera. Namni tokko ammoo hirreensaa garmalee dacha'een arge,'' jechuun waan waan balaa sanaan booda yaadatu hima.
Emarsan wiirtuu bilbilaa Gawutimaalaa keessa hojjataa kan jiru yoo ta'u, maatiisaa lubbuun baraaruusaatti gammadan waliin haasa'u hima.
Garuu ilma wasiila isaa konkolaataa keessa turee baayyee yaadda'u hima. Tarii bilbilli isaa jalaa fudhatamu hin ollees jedha, sababii namoonni muraasni meeshaalee godaantootaa funaanaa turaniif jechuun haala bakka balaa sana ture hima.
Bakka balaan kun itti qaqabeettis bakka namoonni warra balaa kanaan lubbusaanii dhabaniif daraaraa kaa'an dhaabbachuufi shaamaafi qaruuraa bishaan fakkeenya imala godaandootaa ibsuuf kaa'amu hima.
"Taateen sun baayyee sukkaneesaa ture'' jedhan Roodolfo Kaariilfo gaheessi waggaa 64 kan bakka balaan kun itti qaqabeerraa xiqquuma fagaatanii jiraatan.
''Hundi keenyaa fiigaa gara kana dhufnee yoo qaqabnu waan sukkaneessaa ta'e agarre'' jedha sagalee gaddaafi imiimaan ijasaa guutuun.
Dhugaa dubbachuuf erga bara 2010 as, kun Meeksiikoo keessatti balaa sukkaneessaa jireenya baqattootaa guyyaa tokkoo keessatti baleesseedha.
Bara sana namoonni 150 balaa konkolaataatiin lubbuu dhaban. Konkolaatichis garmalee saffiisaan imlaa osoo jiruu ture qarqara riqichaa namoonni miilaan irra ce'aniitti bu'utuu gabaafame.
Erga balaa sun qaqabeen booda Meeksiikoon namoota mana-dadabarsan to'achuuf garee hundeessite turte.
"Hanga ofiin agartuutti waanuma narvii sibiilaa qabdu of seeta,'' jedhan Obbo Kaariiloon.
Namni ijaan taatee sana argan kan biraa, Roobartoo gama isaanitiin, gochaan namoota tokko tokkoofi aanga'ootaa balaa sanaan booda ture baayyee gaarii hinturre jedhan.
''Haalli namoonni tokko tokkoo itti dubbataa turan sirriin hinturre'' jedhan. ''Poolisoon waan mudate bilbilsaanitiin waaraabuun booda miidiyaa hawaasaa irratti maxxansan. Yeroo itti maatii kiyyaaf bilbilulleen hin arganne. Ani gargaaruufan achi ture. Namni hunduu gochii kan qabaatus sanuma ture.''
Booda jiraatoota naannichaa irraa gargaarsi akka nyaataa, dhugaatii, dhiyeessitii wallaansa fayyaa Fannoo Diimaatti taasifamuu eegale.
Buufata waallaansaa keessatti gareesaanii firaashiin lafarra fa'i ciisaa turan.
''Hudasaanitiifuu uffata alakaniifi nyaataa arganneefiirra, garuu fooyyeessuuu qabna'' jedhan ittigaafatamaan Fannoo Diimaa naannichaa Pskaar Korzoo.
Imalli gara daangaa US geessuu gara doolaara kuma 10- kuma 12 akka baasiisu hima Emarsan.
''Konkolaataan ittiin dhufne baayyee gutuun namoonni walimarra dhaabataa turan,'' jedhan haala ture yoo yaadatu.
Haala akkasi turulleen, hunduu abdii jireenya gaarii qabaachaa akka ture hima Emarsan.
''Abjuun keenya baayyee ture. Egeeree keenya, eegeeree maatiiwwan keenyaa ture.''
"Kaayyoon keenya karaadhuma ta'een isa dhugoonsuuf ture. Garuu akka carraa ta'ee akka yaannee osoo nuuf hin milkaa'iin balaa kanaan haala akkasii keessa gallee'' jedhe.