Jamaal Kaashogjii: Faransaay nama ajjeechaa gaazexeessaa Sa'udiin shakkitee to’attee turte gadhiifte

Madda suuraa, Reuters
Qorattoonni Faransaay lammii Sa'udii ajjeechaa Jamaal Kaashogjiin shakkanii to'atanii turan dogongoraan hidhuu isaanii erga mirkaneessanii booda gadhiisuu himan.
Kaalid Alotayibii, ganna 33, gaafa Kibxataa ture buufata xiyyaaraa Paaris argamutti kan to'atame.
Tarkiin namoota ajjeechaa Kaashogjiin shakkite irratti ajajaa hidhaa dabarsisteetti.
Maqaan eegduu warra mootii Sa'udii maqaafi umrii walfakkaataa qabu ajjeechaa embasii biyya Turkiitti raawwateen walqabatee tarree qoqqobbii US bara 2018 keesse keessas eerameera.
Gaazexeessaa Jamaal Kaashogjiin mootummaa Sa'udii qeequun kan beekamu yoo ta'u, waggoota sadii dura Onkololeessa bara 2018 ture Imbaasii Sa'udii Istaanbulitti argamutti kan ajjeefame.
Sa'ud Arabiyaan gaazexeessaan duraanii Waashingitan kuni ''oppireeshinii ogummaarraa maqeen'' qondaalota tikaa gara Sa'udiitti isa deebisuuf amansiisuuf yaalaniin ajjeefamuu ibsite.
Qondaaltonni Turkii garuu qondaaltonni tikaa kuni ajaja olaanaa mootummaa Sa'udiirraa kennameen ajjeefamuu himu.
Qorattoonni UN Kaashogjiin ''ajjeechaa dursee itti yaadameen'' ajjeefame jechuun goolabaniiru.
Ajjeechaa kana keessas qondaaltonni olaanoo Sa'udii, ilma mootii Mohaammad Bin Salmaan, dabalatee qooda fudhachuu isaanii ragaan amansiisaa jira jedhaniiru.
Ilmi mootii garuu himannaa kana hin fudhatu.
Maaltu ta'e?
Gaafa Kibxataa poolisiin Faransaay lammiin Sa'udii paasportii gubbaa Kaalid Ayed Alotayibii qabu gara Riyaad osoo imaluuf jedhuu buufata xiyyaaraa Chaarlis De Guulitti hidhamuu ibsee ture.
Yeroo paasportiin isaa qondaaltota buufata xiyyaaraan sakatta'amu tarree namoota Turkiin ajajaa hidhaa itti baafteefi Interpol barbaadu waliin walsimuu mul'ise.

Madda suuraa, Reuters
Maqaa walafakkaataa, bakka dhalootaa fi jiini itti dhalate akkasumas fuula keessa nama isa barbaadamu waliin akka wal fakkaatu poolisiin hime.
Gaafa Roobii garuu abbaan alangee ijoo Paaris argamu qorannoon erga taasifame booda namni barbaadamu isa akka hin taane himan.
Isa dura gaara Kibxataa galgala embasiin Sa'udii Paaris argamu ''namichi dhimma barbaadamu waliin waan walitti isa fidu hin jiru'' jechuun akka gadhiifamu gaafatee ture.
Dabaluunis, kanneen ajjeechaa raawwachuun shakkaman irratti manni murti Sa'udii murtee dabarsuufi yeroo ammaa mana amala sirreessaa akka jiran hime.
Turkiin garuu isa Sa'udiin murtiin irratti darbuu himte hin fudhattu. Shakkamtoonni 26 bakka isaan hin jirretti ajjeechaa akkasumas ragaa balleessuun himannaa irratti banteetti.
Kanneen himataman keessaa nama Kaalid Alotayibii jedhamuufi gargaartonni duraanii ilma mootii Mohaammad Bin Salmaan jiru.
Abukaatonni mana murti Turkiin mindeeffaman himatamtoonni himannaa irratti dhihaate ni mormu jechuun himaniiru.
















