Ameerikaa: Narsiin dhukkubsattuu gudeeduun ulfeesse hidhaa waggaa 10niin adabame

Madda suuraa, Reuters
Namni Arizoonaa dubartii barootaaf of wallaalte tokko gudeeduun akka ulfooftu taasise hidhaa waggaa 10niin adabame.
Narsiin duraanii Naataan Sezerlaand dubartii kana gudeeduun himatame kun bara 2018 kan hidhame yoo ta'u, qacceen sanyii (DNA) isaa daa'ima dhalatte waliin tokko ta'eera.
Baatii Fulbaana darbe dubartii ofiifuu dhukkuba sammuun miidhamte irratti miidhaa saalaa raawwachuun yakkamaa ta'eera.
Dubartiin yeroo deesse umriin ishee 29 ta'e bara qarree turtee eegalee kilinikichatti kunuunsi taasifamaaf ture.
Murtee manni murtii kenneen alatti Sezerlaand jireenya isaa guutuu amala jijjiirratuun isaa akka hordofamu ta'eera.
Miidiyaa US irratti akka waabeffamanitti Abbaan Alangee bulchiinsa Marikoppaa Alistar Adeel murteen darbe akkaataa waliigaltee Suzerlaand waliin gahameen hidhaa olaanaa murtaa'uu danda'udha.
Dabalataan murteen kuni sababoota kaan ilaalcha keessa galchuun murtaa'e jedhan.
Bilbilli 911 miidiyaatti gadhiifame, yeroo dubartiin kuni deesse kiliniinki Hasiyeendaa kan isheen bira kunuunsa argattu ulfa ta'u ishee hin beeku ture.
''Dhukkubsattuun tokko reefu deesse, ulfa ta'u ishee hin beeknu ture,'' jechuun narsiin bilbilarra yoo dubbattu dhagahama. ''Kanaaf hin qophoofne ture.''
Caamsaa 2019'tti maatiin dubartii kanaa kilinika kana himate.
Akkaataa ragaaN seeraa eeretti dubartiin kuni Suzerlaand hidhamuu dura ulfa ta'u hin diddu jedheera qorannoon medikaalaa.
Baatii Waxabajjii darbe abbaan seeraa Arizoonaa waliigaltee maatii dubartii kanaafi doktara kana dura kunuunsa taasifamuuf hoogganu gidduu beenyaan dolaaraa miiliyoona 15 raggaasiseera.
Isa dura bulchiinsi Arizoonaa maatii dubartii kanaa waliin beenyaa dolaara miiliyoona 7.5 waliigaleera.













