Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa'imni US yeroo ulfaa torban 21'n dhalate lubbuun jiraate, adunyaa irraa kan jalqabaa tahuun waraqaa ragaa argate
Daa'imni US ulfa torban 21 qofaa tureen dhalatee fi walakkaa kiiloogiraamaa qofa madaalu ture adunyaa irraa daa'ima osoo yeroon hin gahiin dhalate isa xiqqaa luubbuun oole tahuun galmaa'e.
Kurtis Miins kutaa Alaabaamaa, Birmiingihaamitti bara darbe kan dhalate yoo tahu giraama 420 qofa madaala ture.
'Guinness World Records' Kurtiis Miinsi amma walumatti ji'oota 16 kan guute tahu ibsuun, rikardii addunyaa haaraa galmeessuu mirkaneesse.
Yeroon ulfaa guutuun torbanoota 40 yoo tahu Kuurtis ammoo torbanoota 21 turee torban 19 osoo isa hafuu dhalate.
Haati isaa Misheel Baatiler ciniinsuun ishee qabnaan gaafa Waxabajji 4,2020, gaafa guyyaa bilisummaa hospitaala galte.
Hospitaala galtee guyyaa itti aanu sa'a laaqanaatti lakkuu deesse. Kuurtisii fi Kasyaa jedhamu.
Kasyaan guyyaa tokko booda du'e. Hospitaalichi yeroo akkasii sana keessa jajjabina kenneef akka ture hime. Yeroo xiqqoo isaan hafte keessattis daa'ima isaanii akkaan xiqqaa kana akka baatan eeyyamaniiruuf.
Carraa lubbuun oolu %1 qaba kan jedhame Kuurtis gara kutaa hordoffii cimaa barbaaduutti galfame.
Ji'a sadiin booda veentileeteriin irraa kaafame. Guyyoota 275 hospitaala turuun ji'a Eebla darbe keessa baafame. Ogeessotni akkatti harganuu fi afaan isaan nyaata nyaatu barsiisaa turan.
Haati daa'ima kanaa naannoo baadiyyaa Ewutaw, Alaabama keessaa taate ''dhumarratti Kuurtis gara manakootti fudhee galee ijoolleekoo hangafa isaa tahan waliin agarsiisuun guyyaa yeroo hundaa yaadadhudha,'' jette.
Kurtis obbolaa hangafa isaa tahan sadii qaba. Ammayyuu oksijinii meeshaa dabarsuufi fi nyaataaf ammoo ujummoo barbaada. Hakimoonni ammoo fayyaa gaarii irratti akka argamu himan.
Dr Biriyaan Siims kan daa'ima kana gargaaruun akka dhalatu godhan, 'Guinness World Records' yoo himan, ''an waggoota 20 oliif hojjechaan ture, garuu daa'ima umurii xiqqaa qabu jabaa akkasii takkaa hin argine. Kan Kuurtis waan adda tahe tokko ni jira.''
Kurtis rikardii kana sa'a 24'n kan cabse yoo tahu, kanaan dura daa'imni Wiiskoonsin tokko Riichaardi Huuchsan jedhamu ulfa torban 21 fi guyyaa lamaa tahee dhalate.
Richaard dura ammoo rikardiin kun waggoota 34 guutuuf hin cabne ture. Inni isa dura rikardii tahee ture ammoo daa'ima Kanaadaa, magaalaa Otawaatti dhalate yoo tahu, torban 21 fi guyyoota shan keessatti dhalate.