Ministeerri Haajaa Alaa US fi barreessaan ol aanaa UN dhimma Itoophiyaa irratti mar'iatan

Barreessaa Ol aanaa UN, Antooniyoo Guutirees fi gara mirgaan Ministira Haajaa Alaa US, Antoonii Biliinken dhimma Itoophiyaa irratti waliin mari'atan
Ibsa waa'ee suuraa, Barreessaa Ol aanaa UN, Antooniyoo Guutirees fi gara mirgaan Ministira Haajaa Alaa US, Antoonii Biliinken
Maxxanfame

Ministirri Haajaa alaa US, Antoonii Bilinken dhimma Itoophiyaa fi Afgaanistaan irratti barreessaa ol aanaa UN Antoniyoo Guutires waliin dubbachuu ministeerri Haajaa Alaa US beeksise.

Qondaalonni lameen dhimmoota barbaachisoo adunyaa tahan irratti mari'atan keessaa dhimmi Afgaanistaanii fi waraana Kaaba Itoophiyaatti hammaataa dhufee dubbii ijoo ture.

Kaaba Itoophiyaatti lolli mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti gaggeeffamu hammaataa dhufeera.

Mootummaan Itoophiyaa iddoowwan leenjii waraanaa tahanii fi adda bahan Maqalee fi naannooshetti argaman irratti irra deddeebiin haleellaa qilleensarraa raawwachuu himeera.

As keessatti namoonni nagaan miidhaman jiraachuu haa himamu malee mootummaan Itoophiyaa dhimma kana dhara jedheera.

Dabalataan waraanni kun deeggarsa namoomaa dhiyeessuufis danqaa tahuu himama.

Antoonii Biliinken, Ameerikaan tattaaffii Barreessaa Ol aanaan UN rakkoo deeggarsa namoomaa mudate furuuf gochaa jiranii fi gareen UN Itoophiyaa jiru haala rakkisaa keessatti hojjechaa jiraachuu akka dunqisiifattu himan

Gaggeesitootni lameen wal deeggarsa idil adunyaa guutuudhaan waraanicha dhaabsisuun, dhaabbiimaan dhukaasa dhaabuun gara mariitti akka galan gochuufi deeggarsa lubbuu oolchuu dhaqqabsiisuuf cimsanii hojjechuu akka qaban waliin dubbataniiru.

Haleellaan xiyyaaraa torban kana keessa qofa guyyaa afraffaaf kaleessa Onkoloolessa 22,2021 magaalaa Maqalee keessatti raawwatuu mootummaafi finciltoonni Tigraay himan.

Mootummaan akka ibsetti xiyyeeffannaan haleellaa raawwatame kanaa bakka leenjii TPLFdha jedheera.Haleellaan humni qilleensaa Itoophiyaa guyyaa afraffaaf magaalaa Maqalee keessatti raawwate qubannaa xiyyaara gargaarsa UN gara Maqalee geesse danquunis gabaasameera.

Sagantaan Nayaataa Addunyaa xiyyaarri isaa deeggarsa fe'e sababa haleellaa qilleensaa tureen magaala Maqaleetti qubachuurraa danqamuun gara Finfinneetti deebi'uu beeksiseera.

Dubbii himaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa ''xiyyaarri deeggarsa namoomaa keenya ganama kana buufata xiyyaaraa Maqalee irraa deebi'uuf dirqameera'' jechuun BBC'tti himaniiru.

Ta'ii kanaan walqabatee UN balalii tajaajila deeggarsa namoomaa Finfinneetii gara Maqaalee godhu akka dhaabu dubbii himaan UN Stephane Dujarric himaniiru.