Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gosti Pooliyoo tokko babal'annaan Itoophiyaan duula talaallii eegalte
Bara 2017'tti biyya beekamtii Pooliyoorraa bilisa jedhu argattee turte Itoophiyaa keessatti dhibichi deebi'ee waan babal'ateef talaalliin Pooliyoo naannoo Oromiyaa keessatti kennamu eegale.
Hogganaan itti-aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Obbo Daraje Abdanna akka biyyattii lakkoofsa ijoollee dhibee Pooliyoon qabaman keessa harki hedduun Oromiyaa keessa ta'uu himuun, Jimaataa eegalee duulli talaallii Pooliyoo Oromiyaa guutuutti eegalamuu ibsaniiru.
Pooliyoon waggoota lama bara 2017-2019 jiran keessatti guutummaa Itoophiyaa keessa badee akka ture kan himan hoogganaan kun bara 2019 jalqaba Oromiyaa keessatti argamuun kan beekame Godina Arsii Lixaa keessatti ta'uu himaniiru.
Ergasii godina Shawaa Bahaa, Harargee, Jimmaa fi Shawaa Lixaa fa'aa keessatti babal'achuu dabalanii himaniiru.
Erga bara 2019 hanga Waxabajjii bara 2021'tti guutuu biyyattii daa'imman Pooliyoon qabaman 61 argamaniiru ''isaan keessaa 40 ol Oromiyaa keessa'' jedhan.
''Kan irratti argame baayyeen isaanii ijollee ganna 15 gad jirani.''
Daa'imman amma dhibeen Pooliyoo irratti argame kanneen amma dura talaallicha fudhatanii tures kan hin fudhatiinis ni dabalata jedhaniiru.
Dhibeen qaama namaa naaffisu kun gosoota sadii akka qabu kan himan obbo Darajjeen, kan Itoophiyaan irraa bilisa jedhamte 'Wild Polio' isa weeraraan tamsa'u ta'uu ibsanii, kan amma argame ''Vaccine derived Polio'' isa jedhamu akka ta'e himnaiiru.
Gosti kun vaayirasii Polio laafaa bifa talaalliin afaaniin kennamu ta'ee yeroo keessa of jijjiiraa adeemudha. Qaruuraawan talaalliin Pooliyoo keessaa dhuman ka'uumsa ta'uu akka danda'an obbo Darajjeen himaniiru.
Dhibeen kun guutuu biyyaatti babal'ataa waan jiruuf Onkololessa 12-15 keessatti akka biyyatti kanneen dhibeen kun irratti hin mul'anneeffillee kennamaa akka jirus dabalanii himaniiru.
Maloota ittisaa dhibee kanaa keessaa inni guddaan talaallii farra Pooliyoo jabeessuu akka ta'e obbo Darajjeen himaniiru.
Mallattoowwan dhibee kanaa keessaa ijoon ammoo yeroo gabaabaa keessatti harkiifi miilli namaa ajajamuu dhabuudha.
Afrikaan pooliyoorraa bilisa ta'uushee qaamni walabaa Komishiiniin Ragaa Naannoo Afriikaa jedhamu ibse.
Gosoota pooliyoo 'Waayild' [Wild Polio] jedhaman sadii keessaa lama kan badan yoo ta'u inni hafe Afrikaarraa baduutu ibsame.
Naayijeeriyaan biyya Afriikaa yeroo dhumaaf dhukkubicharraa bilisa ta'uu ibsiteedha.
Dhukkubichi yeroo ammaatti Paakistaanii fi Afgaanistaan qofa keessatti argama jedhameera.
Pooliyoon maali?
Pooliyoo yeroo baay'ee daa'imman umuriinsaanii shanii gad ta'an kan miidhu yoo ta'u, yeroo tokko tokko miidhaa sochii nama dhorku geessisa.
Yoo maashaan hargansuu miidhame ammoo du'aaf nama saaxila.
Talaalliin lubbuu daa'immanii ittisuu danda'u ni jira.
Pooliyoon dhukkuba namarraa namatti darbu yoo ta'u bishaan faalameen daddarba.
Bara 1996'tti pooliyoon guutuu Afriikaa keessatti daa'imman 75,000 ol laamshesseera.
Bara sanitti Neelsan Mandeelaa sagantaa "Pooliyoo Afriikaa keessaa baasa" jedhuun ogeeyyiin fayyaa badiyyaa keessa deemanii talaallii akka kennan godhaniiru.
Sagantaan kunis dhaabbilee adda addaa kan akka 'Rotary International' fa'aan kan deeggarame ture.
Dhibichi mallattoolee akka ho'i qaamaa dabaluu, bowwoo, deebisuu fi isaan kaan qaba.
Dabalataanis, sirna narviirraatti miidhaa geessisuun yeroo gabaabaa keessatti sochii nama dhorkuu danda'a.