Biyyi Awurooppaa Belaarus ambaasaaddara Firaans ariite

Maxxanfame

Biyyi Awurooppaa keessatti argamtu Belaarus ambaasaaddarri Firaans biyyaa akka bahaniif haaluma ajajamaniin gara dhufanitti deebiyuu maddi oduu AFP gabaaseera.

Dubbi himaan imbaasichaa madda oduu Firaansitti akka himetti Ambaasaaddar Firaans Nikoolaas D Laast Belaarusiin gadhiisanii kan ba'an Dilbata ture.

Mootummaan Belaarus ambaasaaddarichi magaalaa guddoo biyyattii Miniiskiin gadhiisanii akka ba'aniif guyyaan kennameef hanga Wixataatti.

Umuriin isaanii ganna 57 kan ta'an Ambaasaaddar Nikkoolaas, bara darbe ture Belaarusitti ambaasaaddara Firaans ta'uun kan muudaman.

Sabaa-himaaleen Belaarus akka gabaasanitti taanaan, ambaasaaddarichi hayyama hojii isaanii Pirezident Aleksaandar Lukaashenkootiif hin dhiyeeffanne.

Firaans akkuma biyyoota Awurooppaa biroo gaggeessaa Belaarus Lukaashenkoo bara darbe Hagayya keessa filannoo gaggeeffame mo'adheera jedhee marsaa ja'affaatiif pirezidantii ta'uun filatamuun isaa isheef hin liqimfamne.

Ambaasaaddarri Firaansi kun Mudde darbe keessa pirezidanticha arguun osoo isaanirra jiruu ministira dhimma alaa Vilaadmiir Makeeyiniin ture kan argan.

Ibsa AFPtiif ergameen dubbi himaan imbaasii Firaans, "Ministeerri Dhimma Alaa Belaarus ambaasaaddarichi Wixata dura gadhiisanii akka ba'an ture kan ajaje," jedheera.

"Hojjetoota imbaasichaa hunda nagaatti jedhanii kan deeman. Ummata Belaarusiif ergaan viidiyoo bilbila harkaan waraabameen kaa'an fuula marsariitii imbaasichaa irratti ni gadhiifama.''

Miseensonni Gamtaa Awurooppaa irra deddeebiin filannoo Hagayya darbe gaggeeffame "bilisaafi haqa-qabeessa" jedhanii akka hin amanne beeksisaniiru.

EUn kanarra darbees, bulchiinsa Pirezidant Lukashenkoorra qoqqobbii kaa'uun isaa kan dagatamu miti.

Pirezedaantichi filannichaan booda haala barootaaf argamee hin beekneen lammileen mormiisaanii dhageessisan irratti tarkaanfii humnaa irratti fudhataniiru.

Addunyaan gama Lixaa qoqqobbii irra kaa'anillee Lukaashenkoon aangoosaaniitti cichanii akkuma qabatanitti jiru.

Gaggeessaan Belaaruus umuriin isaanii waggaa 67 yoo ta'u bara 1994 irraa kaasanii bulchaniiru. Barana sababa dhiibbaa biyyoota Awurooppaa irraa gaheen hariiroo hedduu isaanii waliin qaban addaan kutaniiru.

Pirezidantiin kuni deggaraa adda-duree Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin akka ta'an himama.

Bitootessa darbe mootummaan Belaarus ambaasaaddara Latiiviyaa dabalatee hojjettoota imbaasii ari'uun isaa ni yaadatama.

Kun ta'eef tapha sigigaachoo cabbii Latiiviyaatti gaggeeffame irratti alaabaan mormii Belaarus calaqqisiisu argamuu isaatiin.

Biyyi kutaa Sooviyeet duraanii turte Belaarus, Hagayya darbe ammoo ambaasaaddara Ameerikaa ta'anii gara Belaarus deemuuf kan turan Juulii Fishiyeer hayyamni hojii akka isaaniif hin kennamne beeksisftee ture.