Dhoohinsi Beeruut akkamiin shamarree Itoophiyaa namoota wal hin beekneen walitti fide?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Dhoohinsi Beeruut akkamiin namoota sadan wal hinbeekne kana walitti fide?
Maxxanfame

Waggaa dabre wayita Beeyiruutitti dhoohinsi hamaan mudatee lubbuu namoota 200 ol galaafateefi manneen hedduu barbadeesse, lammii Itoophiyaa kan taate Illeenii Baalchaa dabalatee namoonni hedduun achi buuteen isaanii dhabame.

Qarqaarsa namoota amma dura isheen hin beekne lamaafi Instaagiraamiin, argamtee maatiishee Finfinnee jiranitti makamte.

Illeeniin yeroo sana gamoo tokkorra hojjettuu manaa taatee dubartii tokko tajaajilti turte. Erga dhoohinsa sanaa booda hojjechiistuun ishee Illeeniin eessa akka buute hin beektu turte.

Dhiyeenya gamoo sanaa kan jiraatu Karim Kattouf ishee barbaachatti ka'e - gama intarneetaanis gaggaafachuu eegale. Akkanaan dubartii lammii Lebaanon Zara Issa jedhamtuufi Ayivoorii Koost jiraattuun walbaran.

Zaaraan barbaacha namoota dhabamaniin qarqaaruu waan barbaaddeef, akkaawuntii Instagram haaraa bante - akkasiin Illeenii argachuu danda'an.

Erga balaan sun mudate as yeroo duraatiif sadan isaanii bakka tokkotti gama Zoom'n akka haasawan mijeessineef.