AQ Khaan: Nama warri Lixaa 'hedduu hamaa', biyyi isaa ammoo 'abbaa Niikuleeraa' jedhaniin

Maxxanfame

Muddee 11, 2003 irratti, gareen qondaaltota CIA fi MI6 Liibiyaatti xiyyaara mallattoo hinqabne tokko yaabbachuuf ture, wayita isaan tullaa poostaa daalcha hedduu kennaa turaniitti.

Garichi ergama dhoksaa qabatee ture qondaaltoota Liibiyaa waliin marii cimaa gaggeessan. Wayita poostaawwan xiyyaarra irratti saaqaniittis, ragaalee cimoo isaan barbaadaa turan qabateera. Innis dizaayina keessoo meeshaa waraana nikulaaraa ture.

Dizaaynoonni sagantaa niikularaa sunis kan dhiyaatan AQ Khaan kan amma umurii waggaa 86tti du'aan boqateen ture.

Kahaan nageenya addunyaa keessatti jaarraawwan wallakka darbaniif namoota baayyee eddoo guuddaa qaban keessaa tokko turan.

Seenaan isaa jidduugala waraana teknolojii hamma addunyaa keessa jira. Waraanichis qaamolee teeknolojii niikulaaraa qabanii fi kanneen qabaachu barbaadan jidduutti gaggeefama.

Daarektarri duraanii CIA Joorji Teeneet Khaaniin, ''yoo xinnaate akka Osaamaa Bin Laadaniitti balaafamaadha'' jechuun ibsan. Bin Laadan nama haleellaa Fulbaana 11 duuba jiruudha.

AQ Khaan basaastoota warra Liixaatiin akka namoota balaafamaa addunyaa kanaatti ibsamulleen, biyya isaatti akka gootaatti leellifama.

AQ Khaan akka basaasaa niikularaatti gara Awuroppaa hindhufne. Garuu saayintistoota keessaa tokko ta'e. Inni bara 1970moota keessa Neezarlaandis hojjataa ture, biyyisaa erga waraanaa bara 1971tiin mo'atamteen booda boombii omishuu eegaluuf yaaddeetti.

Yeroo sanattis niikulaarri Indiyaa yeroo sadarkaa olaanaa irra itti gahee ture.

Khaan kubbaaniyyaa Awuuroppaa calaltuu Yuraaniyeemii gabbiisu keessa hojjataa ture. Yuraaniyeemichis humna niikulaaraatiif fayyamuu kan danda'amu yoo ta'u, yoo baayyinaan gabbifame ammoo bombii omishuuf ni oola.

Khaan dizaayiniiwwan calaltuu fooyya'aa koppii godhachuun gara manaatti deebii'e. Achiniis networkii icciitii isa guddaa daldaltoota Awuurooppaa, qaamawwan murteessoo dhiyeessuu dhaabe.

Yeroo baayyee kan akka ''abbaa'' boombii niikulaara Paakistaaniitti ilaalamu Khaan, dhugaattis namoota murteessoo keessaa tokko ture. Haata'u malee innis ofeeggannoo cimaadhaan surraa goota biyyaaleessaa isa taasisuu uummate.

Akka nama nageenya Paakistaan dorsisa Indiyaa irraa oolcheetti ilaalama.

Wantoonni inni raawwate hundatu Khaaniin barbaachisaa isa taasise.

Sagantaan calaltuu Iraan (Iran's centrifuge programme) kan Naataanziitti argamu, dhiheenya keessa madda waldhabdee dippilomaasii addunyaa ta'aa jira. Irra caalli dizaayina qaama fi meeshaa dhaabbata kanaas jalqaba kan dhiyaate AQ Khaaniin ture.

Walgahii tokkorrattis, bakka buutonni Khaan tarree-gatii kan Iraanonni irraa ajajachu danda'anii dhiyeessaa turan.

Akkasumas Khaan Kooriyaa Kaabaa yeroo baayyee dowwannaa taasiseera.

Mariiwwan sana hunda keessatti icciitiin yeroo hunda ifa hintaane tokko, hangamiin Khaan akka qofaasaa ykn ajajawwan mootummaa isaa jalatti hojjataa akka turedha. Keessattuu walitti dhufeenya Kooriyaa Kaabaatiin, mallattoowwan hundi kan motummaa ta'uun hinbeekamu garuu ammoo ni hirmaata.

Yeroo tokko tokko Khaan akkuma waan maallaqa walitti qabuu qofaaf hojjatu himama. Inni garuu akkuma jedhamuutti salphaa miti. Hanga hoggantoota biyya isaa waliin walitti dhiheenyaan hojjatutti, olaantummaa warri Lixaa meeshaa waraanaa niikulaaraarratti qaban cabsuu barbaada.

Gaaffiin isaas biyyoonni muraasnii nageenya isaanii eegsiisuuf meeshaa waraanaa akka qabatan yoo hayyamamu biyyoonni kaan maaliif dhorkamu kan jedhu ture. Kana akka oftulummaa biyyoota lixaatti ilaaluun qeeqa.

''Ani nama maraatuu miti'' jedha yeroo hunda. ''Waan na jibbaniif maqaa mirkanneessuu hindandeenye gosa hundaa sobaan natti baasan, sababiin ani tarsiimoo imaamatawwan isaanii hunda hin amaneef jecha,'' jedhee ture.

Namoonni hidhata isaa keessatti argaman kaani, kanan barreessaan odessa kanaa wayita waa'ee Khaan kitaaba barreesse dubbuse muraasni irra caala maallaqa argachuuf qofa jecha waliin jiru fakkaatu.

Dhimmi dubbii Liibyaa kan 1990 keessa faddaalummaa waliigalamee, bu'aa argamsiiseera garuu ammoo kufaatiisaanis saffisiseera.

MI6 Biriteen fi CIA Ameerikaa Khaan adamsuu eegalan. Isaaniis imalawwan isaa, waraabbii haasaa bilbilaa fi networkiinsaa kan yeroo tokko tokko akka miseensa ergamtoota isaanii ta'anii fi icciitii akka baasaniif (yoo xinnaate hanga doolaara miliyoona kanfalanii) ilaalan.

Qondaalli CIA, ''Nutis bakka jireenyaa isaa, dhaabbileewwan isaa, kutaa isaa keessa jirra,'' jedhee ture. Haleellaa Fulbaana 11 booda, tarii shororkeessitoonni meeshaa argachuun ajjeechaa jumlaa raawwachu danda'u laata sodaa jedhuun, Khaan irratti fudhachuuf Paakistaan waliin mariin taasifamu walxataa taasise.

Bitooteessa 2013 keessa, UK fi US dhimma meeshaa waraanaa nilulaaraa kan booda soba ta'eetiin wayita Iraaqiin weeraraniitti, dureen Liibiyaa Koloneel Gaadaafiin sagantaa isaa dhaabuu murteesse.

Kunis battaluma ifatti beeksiiseen booda, gareen CIA fi MI6 icciitiidhaan akka dowwatan taasise. Kunis Ameerikaan Paakistaan Khaan irratti tarkaanfii akka fudhattuuf dhiibbaa akka taasiftuuf daandii baneef.

Khaan hidhaa mana keessa jala kaa'amu TV irratti akka dhigaa baasuuf dirqisiifamee ture. Baroota jireenyaa isaa hafees haala bilisa ykn hidhaa hintaaneen dabarse.

Hanga ammaattis waan bombii isaaniif argamsiiseefu ummata Paakistaaniin akka gootaatti leellifama. Garuu ammoo, addunyaa alaa waliin akka hindubbanneefi akka hin imallee dhorkameera.

Haata'u malee seenaa guutuun saayintistiin kun maal akka hinhojjateefi maaliif akka hojjatee ilaalchisee gonkumaa wanti beekamu hinjiru.