IOM Itoophiyaatti buqqaatotaaf dahoo dhiyeessuuf dolaara mil. 21 ol na barbaachisa jedhe

Maxxanfame

Dhaabbanni Godaantoota Addunyaa (IOM) Itoophiyaa keessatti namoota miliyoona 1.8 qe'ee isaaniirraa buqqa'aniif dahoo dhiyeessuuf dolaara miilyoona 21.1 akka isa barbaachisu beeksiise.

Lammiileen naannoolee Tigraay, Amaaraafi Somaaleeirraa buqqa'uun wayita ammaa kanatti buufataalee dahannoo keessaafi manneen namoota dhuunfaatti dahatanii jiraniif bakka dahannoo qopheessuuf baasiin dolaara miiliyoona 21.1 akka barbaachisu hime dhaabbatichi.

Waraana mootummaa Federaalaafi humnootii TPLF jidduutti mudate hodofee namoonni buqqa'an kuma 233 ol buufataalee 53 keessatti deeggarsi taasifamaaf jira jedhe.

Buufataaleen kunneenis kan kana dura manneen barbootaa turaniifi amma gara bakka dahannoo buqqaatotaatti geedarmuun tajaajila kennaniidha.

Buqqaattoonni irra jireessi dirree irra buluuf dirqamuu ragaan dhaabbata IOM Itoophiyaa irraa argame ni mul'isa.

Kana malees, baajanni buufataalee kanneen keessatti nyaata, bishaan, wallaansaafi tajaajilawwan bu'uuraa kan biraa dhiyeessuuf oolu dhumaa jiraachuu dhaabbatichi dablee himeera.

IOM buqqaatootaaf dahoo waloo, mana fincaaniifi bakka nyaati itti bilchaatu waloo, akkasumas kutaalee tajaajilaa kan biraa ijaaruuf deeggarsi akka barbaachisu beeksiseera.

Dhaabbatichi deeggarsa maallaqaa barbaachisu yoo argate dahannoowwan nageenyi isaanii eegameefi tajaajila gahaa ijaaruu akka danda'u ibseera.

Gaaffii deeggarsa maallaqaa adda durumaan kan hooggannu dhaabbanni IOM Itoophiyaa yoo ta'u, Komishiniin Olaanaa Baqattoota Mootummoota Gamtomanii (UNHCR)) fi Ejjansiin Baqattoota Mootummoota Gamtomanii buqqaatootaaf deeggarsa kennaa jiru.

Guutuu Itoophiyaatti kaampiiwwan buqqaatootaa 1,500 ol kan bulchan yoo ta'u, kanneen keessaa 300 kaaba Itoophiyaatti kan argamaniidha.

Sababii waraana Naannoo Tigraayitiin lakkoofsi namoota buqqa'anii daballaan karaa kutaa Camp coordination and Camp Management (CCCM) jedhamuutiin deeggarsa akka argatan taasifame.

Qindeessaa kutaa kanaa kan ta'an Raafaa'eel Abiis akka jedhaniitti, sababii ammalleen walitti bu'insiichi itti fufeef buqqaattoonni irra caalaa gara qe'eefi qabeenyaa isaaniitti deebi'uu hin dandeenye.

Itti dabaluunis, ''manneen barnootaa gara tajaajilasaanii duraatti deebiisuufilleen buqqaatotaaf dahannoo qopheessuu qabna. Kun ammoo baasii dabalataa gaafata,'' jedhan.

Dhaabbatichi Adoolessaa keessa deeggarsi dolaara miiliyoona 70 akka taasifamuuf gaafatee hanga ammaatti kan argate dolaara miliyoona 31.7 qofaadha.

Haala ibsa dhaabbatichi baase kanaatiin hanga waggaan kun xumuramuutti baqattootaaf dahannoo ijaaruuf dolaara miiliyoona 21.1tu barbaachisa.

IOM Itoophiyaatti hogganaa kutaa CCCM kan ta'an Istiifaaniin Niik Yoomihirid, ''maallaqni kun buqqaatotaaf dahannoo ijaaruuf barbaachisa. Deeggarsa yoo hin argannee ammoo buqqaatoonni gara rakkoo hamaatti galu,'' jedhan.